Ayyaana damaraa masqalaa yeroo kabajnu nagaa fi jaalala dagaagsuunii fi gaarummaa baay’isuun ta’uu qaba-Mal’ike Gannat Qesiis Nigaatuu Dassaaleny - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana damaraa masqalaa yeroo kabajnu nagaa fi jaalala dagaagsuunii fi gaarummaa baay’isuun ta’uu qaba-Mal’ike Gannat Qesiis Nigaatuu Dassaaleny
Fulbaana 17/2019 (ENA)- Ayyaana damaraa masqalaa yeroo kabajnu nagaa fi jaalala dagaagsuunii fi gaarummaa baay’isuun ta’uu akka qabu bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti hojii gaggeessaan olaanaa lallaba Harargee bahaa Mal’ike Gannat Qesiis Nigaatuu Dassaaleny ibsan.
Ayyaanni damaraa masqalaa naannoo Hararii bakka abbootiin amantaa, luboonni faarfattoonnii fi hordoftoonni akkasumas tuuristoonni argamanitti sirna dammaqaan kabajameera.
bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti hojii gaggeessaan olaanaa lallaba Harargee bahaa Mal’ike Gannat Qesiis Nigaatuu Dassaaleny ergaa dabarsaniin, ayyaana damaraa masqalaa yeroo kabajnu nagaa fi jaalala dagaagsuunii fi gaarummaa baay’isuun ta’uu qaba jedhaniiru.
Pirezidaantii naannoo Hararii bakka bu’uun kan argaman obbo Geetuu Nagawoo, ayyaanicha waloomaan, jaalalaa fi tokkummaan kabajuu barbaachisa jedhaniiru.