Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni masqalaa fakkeenya jaalalaa fi aarsaati

Fulbaana 16/2019 (ENA)- Ayyaanni masqalaa fakkeenya jaalalaa, gad of qabuu fi aarsaati jedhan bataskaana kaatolikii Itiyoophiyaatti indaraaseen lallaba Finfinnee Aabbaa Tasfaayee Waldamaaram ibsan.

Ayyaanni Masqalaa yeroo kabajamu sirnoota aadaa fi amantaan gamatti, lammiilee gargaaruu fi kadhannaan yaadachuudhaan akka ta’e hubachiisaniiru.

‎Ayyaanni damaraa masqalaa bataskaan kaatolikii Itiyoophiyaa Finfinneetti bataskaana Tsiyoon Maaramitti dammaqinaan kabajameera.

‎Abbootii fi hordoftoonni bataskaanittii sirna kabajaa kanarratti argamaniiru.

‎ Indaraaseen lallaba Finfinnee bataskaanitti Aabbaa Tasfaayee Waldamaaram wayita kana akka jedhanitti, ayyaanni masqalaa fakkeenya jaalalaa, gad of qabuu fi aarsaati.

‎Mootittiin Illeenii fannicha argachuuf tattaaffiin taasifte seenaa kiristaanummaa isa guddaa ta’uu yaadachiisanii, fannoon mallattoo nagaa fi fayyinaa ta’uu ibsaniiru.

Ayyaanichi yemmuu kabajamu lammiilee rakkina keessa jiran gargaaruun fi kadhannaan yaadachuun ta’uu qaba jedhaniiru.

Xomboorri damaraa qabsiifamee hordoftoonni bataskaanittii faarsaawwan garagaraa dhiheessuun ayyaanicha dammaqinaan kabajaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015