Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaanonni nageenya waaraa fi tokkummaa biyyasaanii mirkaneessuuf cimanii hojjechuu qabu-Qulqulluu Abuna Maatiyaas

Fulbaana 16/2019(ENA) - Itiyoophiyaanonni nageenya waaraa fi tokkummaa biyyasaanii mirkaneessuuf cimanii akka hojjetan paatiriyaarkiin bataskaana Ortodoksi Tawaahidoo Qulqulluu Abuna Maatiyaas ibsan.

Bataskaana Ortidoksi Tawaahidoodhaan addababayiitti dammaqinaan kan kabajamu ayyaanni damaraa masqalaa addababayii masqalaatti miidhagee kabajamaa jira.

Paatriyaarkiin bataskaana Ortodoksi Tawaahidoo qulqulluu abuna maatiyaas, Abbootiin amantaa, kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, ministirri aadaa fi turizimii Shawiit Shaankaa, hoggantoonni mootummaa olaanoon, dippilomaatonnii fi daawwattoonni biyyoota garagaraa ayyaanicharratti argamaniiru.

Ayyaanni masqalaa fannoo rakkinaarratti lubbuusaa dabarsee jireenya barabaraa kan nuuf kenne gootaa keenya fayyisaa Iyyasuus kiristoos kan itti yaadannudha jedhan paatriyaarkiin bataskaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa qulqulluu Abuna Maatiyaas.

Jaalalaa fi gatii kiristoos masqalarratti nu barsiise jireenya keenya keesatti hojiirra oolchuu qabna kan jedhan paatriyaarkichi fannoon nagaa, tokkummaa, jaalala, dhiifamaa fi waliigaluu nu barsiisa jechuun dubbataniiru.

Nuti Itiyoophiyaanonni tokkummaa fi walooma keenyatti wantoota gufuu ta’an obsaa fi fageessinee yaaduun bira darbinee nagaa fi tokkummaan biyyaa guutuu ta’e akka mirkanaa’u cimnee hojjechuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Hordoftoota amantaa kiristaanaa hundaan baga ayyaana masqalaan isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015