Akkuma masqalaa ayyaanonni addababayii waloomaa fi sabdaneessummaa kan cimsan duudhaalee hawaasaati-Ministira aadaa fi ispoortii Shawiit Shankaa - ENA Afaan Oromoo
Akkuma masqalaa ayyaanonni addababayii waloomaa fi sabdaneessummaa kan cimsan duudhaalee hawaasaati-Ministira aadaa fi ispoortii Shawiit Shankaa
Fulbaana 16/2019 (ENA)- Akkuma masqalaa ayyaanonni addababayii waloomaa fi sabdaneessummaa kan cimsan duudhaalee hawaasaa ta’uusaanii Ministirri aadaa fi ispoortii Shawiit Shankaa ibsan.
Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoodhaan addababayiitti dammaqinaan kan kabajamu ayyaanni damaraa Masqalaa addababayii Masqalaatti miidhagee kabajamaa jira.
Ministirri aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa wayita kana akka jedhanitti, ayyaanni masqalaa sirna amantaa kan mul’isu qofa osoo hin ta’iin eenyummaa fi duudhaa waloo Itiyoophiyaanotaa illee kan agarsiisudha.
Ayyaanonni addababayii kanneen akka masqalaa waloomaa fi sabdaneessummaa kan cimsan duudhaalee hawaasaa ta’uusaanii dubbataniiru.
Kana malees walitti hidhata hawaasaa lammiilee cimsuuf qooda guddaa akka qabaatan dubbataniiru.
Bataskaanni Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa seenaa guddaa bara dheeraa kan qabduu fi fakkeenya cichoominaa akka taate ibsaniiru.
Bataskaanittiin ayyaana masqalaa eegdee tursuudhaan dhalootaan ga’uushee fi biyyarra darbee beekamtii idil addunyaa akka qabaatu gochuusee kaasaniiru.
Itiyoophiyaan waggoottan darban ciminaa fi injifannoon qoraata garagaraa keessa darbitee dameelee hedduutiin milkaa’ina galmeessisuushee ministirittiin kaasaniiru.
Milkaa’inoonni kunneen kan argaman ciminaan hojjechuun, carraaqqiiummataa walootiin fi hojii tumsaan hojjetameen ta’uu dubbataniiru.
Waan gaarii kaleessaarratti milkaa’inoota har’aa dabaluudhaan boru biyya badhaate ijaaruuf keessumaa gaaffiin hula galaanaa deebii akka argatu Itiyoophiyaanonni akka ibsaa harka wal qabannee yeroon itti tattaafannu amma jedhaniiru.