Tamsaasa Kallatti:

Ayyaana Masqalaa ida’amnee waloomaa fi tokkummaan kabajuu qabna-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Fulbaana 16/2019(ENA)- Ayyaana Masqalaa ida’amnee waloomaa fi tokkummaan kabajuu qabna iedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee

Bataskaana Ortidoksi Tawaahidoodhaan addababayiitti dammaqinaan kan kabajamu ayyaanni damaraa masqalaa addababayii masqalaatti miidhagee kabajamaa jira.

Qulqulluu abuna maatiyaas dursaa paatriyaarkii phaaphaasii ze Itiyoophiyaa phaaphaasii phaaphaasotaa ze aksum wacagee ze manbara taklahayimaanoott,Paatriyaarkiin bataskaana Ortodoksii Malankaraa Hindii qulqulluu Basliyos Martoma Matewos Saalsaawii, kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, ministirri aadaa fi turizimii Shawiit Shaankaa Abbootiin amantaa, hoggantoonni mootummaa olaanoon, dippilomaatonni ayyaanicharratti argamaniiru.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ayyaanicharratti ergaa dabarsaniin, baga ayyaana masqalaa nagana geessan jedhaniiru.

Ayyaanota magaalaa keenyatti addababayiitti kabajaman keessaa tokko kan ta’e Masqalli duudhaa amantaasaa eegee bara dheeraaf kan ture ayyaana guddaadha jedhaniiru.

Hordoftoonni amantaa kiristaanaa gatii fi jaalala gootaa Iyyasuus kiristoos fannoorratti kaffale qabachuun jiraachuu qabu jedhaniiru.

Kana qabachuudhaan nagana waaraa fi amansiisaan akka mirkanaa’u qooda olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.

Masqalli Yuuneeskootti galmaa’ee hambaa dhala namaa bakka bu’uun maqaa keenya addunyaarratti kan ol kaase duudhaa waloo keenyaati jedhaniiru.

Xomboorri qeenxeen damaraatti marsanii akkuma ifan waliin yoo dhaabanne milkaa’uu ni dandeenya jedhaniiru.

Magaalaan Finfinnee addunyaa kan hawattuu fi wiirtuu jijjiiramaa ta’uushee fi taateewwan idil addunyaa keessummeessaa akka jirtu dubbataniiru.

Akkuma masqalaa ayyaanonni addababayii maqaa gaarii biyyaa keenyaa dagaagsuudhaan, duudhaan keessummaa simachuu kan keessatti mul’atuu fi turistoota hawataa akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015