Tamsaasa Kallatti:

Damaraa Masqalaa yeroo kabajnu duudhaalee jaalalaa fi tokkummaa masqala ibsan dagaagsuu fi eeguun ta’uu qaba-abbootii amantaa fi hordoftoota amantichaa

Fulbaana 16/2019 (ENA)-Damaraa Masqalaa yeroo kabajnu duudhaalee jaalalaa fi tokkummaa masqala ibsan dagaagsuu fi eeguun ta’uu akka qabau abbootiin amantaa fi hordoftoonni amantichaa magaalaa Adaamaa ibsan.

Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaa fi sirna amantichaa eegee addababayii Masqalaa Adaamaatti kabajamaa jira.

Wayita kana luba barsiisaa Tsaggaza’aab Tolaa ENA’f yaada kennaniin, Masqalli fakkeenya Fayyisaan keenya Iyyasuus kiristoos adabbii fi du’a nurraa haquudhaan bakkasaa jaalala, tokkummaa fi dhiifama kan itti nuuf buusedha.

Kanaaf iccitii masqalaa hubachuudhaan ayyaanicha yeroo kabajnu jaalalaa fi tokkummaa raawwachuun ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Qindeessaan Kaateediraalii gadaamii Dabramadaanalam Adaamaa Malaaka Tsiyoone Abbaa Phawulis gamasaaniin, masqalli kiristaanotaaf asxaa bilisummaa mallattoo unjifannooti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015