Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaa ayyaanichaa garagaraatiin addababayii masqalaatti kabajamaa jira

Fulbaana 16/2019 (ENA)- Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaa ayyaanichaa garagaraatiin addababayii masqalaatti kabajamaa jira.

Qulqulluu abuna maatiyaas dursaa paatiriyaarkii paaphaasiin phaaphaasotaa ze Itiyoophiyaa phaaphaasiin phaaphaasotaa ze aksum wacagee ze manbara takilahayimaanoot, paatiriyaarkiin bataskaana ortodoksii Hindi Malankara qulqulluuBasliyoos Martoma Matewos salsawii, ministirri aadaa fi ispoortii Shawiit Shaankaa,abbootiin amantaa,hoggantoonni mootummaa olaanoon, dippilomaatonni sirna kanarratti argamaniiru.

Akkasumas faarfattoonni mana barumsaa sanbataa, hordoftoonni amantichaa fi daawwattoonni biyyoota garagaraarraa dhufa ayyanicharratti argamaniiru.

Ayyaanni daamaraa Masqalaa A.L.A bara 2013 hambaa addunyaa ta’uun Yuneeskootti galmaa’uunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015