Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni Masqalaa fi Damaraa duudhaa amantaa eegee miidhagee akka kabajamu qaamni hundi qoodasaa bahu qaba – Kantiibaa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee

Fulbaana 16/2016(ENA)- Ayyaanni Masqalaa fi Damaraa qabeenya biyyaa fi hambaa Itiyoophiyaa addunyaarratti kan beeksise waan ta’eef duudhaa amantaa eegee miidhagee akka kabajamu qaamni hundi qoodasaa bahu qaba jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dubbatan.

Kantiibaa Adaanech qophii ayyaana Damaraa Masqalaa baranaa ilaalchisuun abbootii amantaa bataskaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa akkasumas miseensota koree qophii ayyaanaa bataskaanittii fi bulchiinsa magaalaa irraa walitti dhufuun hundeeffame waliin mari’ataniiru.

Guutuu biyyaatti miidhagee kan kabajamuu fi hambaa kiliyyaa addunyaa Yuuneeskootti kan galmeeffame ayyaanni Damaraa Masqalaa keessumaa magaalaa Finfinneetti hordoftoonni kuma hedduu fi daawwattoonni biyya alaa hedduun bakka argamanitti ni kabajama.

Ayyaanni kun duudhaa amantaa eegee akka kabajamu bulchiinsi magaalaa Finfinnee bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo waliin koree qindaa’aa hundeessuun wagga waggaan qophiiwwan garagaraa kan godhu yoo ta’u kantiibaa Adaanech Abeebee qophii ayyaanaa kan baranaa ilaalchisuun abbootii amantaa bataskaana Ortodoksi Tawaahidoo akkasumas koree qindaa’aa bataskaanittii fi bulchiinsa magaalaa waliin marii xumuraa taasisaniiru.

Ayyaanni Masqalaa fi Damaraa qabeenya biyyaa fi hambaa Itiyoophiyaa addunyaarratti kan beeksise waan ta’eef duudhaa amantaa eegee miidhagee akka kabajamu qaamni hundi qoodasaa bahu qaba jedhan kantiibaa Adaanech.

 Bulchiinsi magaalichaa addababayii masqalaa dabalatee magaalattii bakka Damaraan itti dhaabatu bakkeewwan kuma 2 fi 657 ol qulqulleessuun waan barbaachisu guutuudhaan deeggarsa gochuusaa Koreen qopheessituu ayyaanichaa kan ibse yoo ta’u, bulchiinsichi bataskaanittii waliin ta’uun dhimmoota misoomaas ta’e kabaja ayyaanotaarratti tumsaan hojjechaa waan jiruuf abbootiin galateeffataniiru.

Bataskaanni Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa hojiiwwan misoomaa bulchiinsi magaalichaa hojjetu bira dhaabbachuun hojii fakkeenya ta’u raawwachaa jiraachuu kan dubbatan kantiibaa Adaanech, hojiin bataskaanittii waliin tumsaan hojjetamu cimee itti fufa jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015