Ergaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Ergaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Baga ayyaana Masqalaatiin isin gahe
Ayyaanni Masqalaa ayyaana karaa amantaa fi aadaatiin guutuu Itiyoophiyaatti kabajamudha.
Ayyaanichi bifa maatii fi hawaasummaa qaba. Yeroo Masqalaa maatiin walitti deema. Ollaan walitti dhufa. Magaalaa fi naannawa magaalaa kan jiraatan addababayii tokkotti bahu.
Walitti dhufeenyi mukaa amma Damaraatti jiru fakkeenya humna ida’amuu agarsiisudha.
Ayyaana Masqalaa wayita kabajnu humna Itiyoophiyaa hunda walitti fidnee fiidaanee humna biyyaalessaa cimaa uumuuf haa hojjennu.
Irra deebi’uun ayyaan agaarii haa ta’u jechuun barbaada.
Itiyoophiyaan tattaaffii ijoolleeshiitiin kabajaan bara baraaf haa jiraattu!!
Waaqayyo Itiyoophiyaa fi ummatashee haa eebbisu.
Fulbaana 16 bara2019
See less
See less