Tamsaasa Kallatti:

Bunaa fi Nagaa hin dhabiinaa

 waa’een  Jimmaa  yeroo ka’u, bunnii fi nagaan yeroo hunda waliin  kan waamaman aadaa fi safuu  baratamaa dha. Kan sammuun yaaduus ta’ee kan  deemee ilaale   hundi akka  mirkaneessutti, Jimma  madda  bunaa   qofa osoo hin taane; Magaala addaa  miidhagina magariisa  uumamaa  fi  nageenya ishee  keessummaa simachuu  isheetiinidha.

Magaalaan Jimmaa aadaa fi seenaa ishee eeggattee gara fuulduraatti kan ishee tarkaanfachiisu imala misoomaa irratti argamti.   Magaalittiin guyyaa guyyaan   simboo haaraan mul’achaa  kan jirtu ta'uu isheetiin,  babal’inni  magaalaa ishee, qilleenisa  ishee qulqulluu   fi miidhagina isheetiin   keessummoota darban hunda taateewwan addaatiin hawwachaa jirti.

 Magaalaan Jimmaa  yeroo ammaa  caalaatti miidhagduu fi hawwattuu ta'aa dhufteetti.  Seenaa fi eenyummaa ishee, hambaawwan  seenaa ishee eeggattee gara boqonnaa haaraatti ce'aa kan jirtuu fi  dhugaatti Jimma ta'uu ishee mirkaneessitee  jirti.


 

Misoomni koriideraa  Magaalaa  Jimmaatiif   jireenya haaraa fi miidhagina hawwataa ta’e kenneeraaf.  Magaalittiin  magariisumma ishee qilleensa  qulqulluu  qabduun  daawwattota kan hawwachaa jirtuu fi misoomichaanis carraa  hojii hedduu dargaggootaaf  bu’uura  jireenya ta’u  uumteetti.

Misoomni daandii ammayyaa magaalaa Jimmaatti hojjetamaa jiru magaalattiif   miidhagina haaraawaa  kennuu bira darbee, gaaffii bu’uuralee misoomaa ummataa yeroo dheeraa deebisuun  haala jireenyaa  jijiiree jira.  

Misoomni  daandii fooyya'aanii fi hawwatummaan magaalittii xiyyeeffannoo dureeyyootaa harkisuun, Magaalaa  Jimmaa wiirtuu  investimantii fi daldalaa naannichaa gochuu mul'ata jiru dhugoomsaa jira.

Lagni Awweetuu   har'a magaalaa Jimmaatiif  wiirtuu  miidhaginaa fi nagaa haaraa ta'eera.  Misoomni qarqara  lagaa  magaalaa  kanaa  caalaatti hawwattuu taasisuun olitti, kanaan dura balaa  lolaan yaaddoo  ummataa ta’aa kan ture   furuun madda  miidhaginaa fi bakka bashannana ta’eera.

Kunis misoomni  magaalaa miidhagina  mirkaneessuu bira darbee eegumsaa fi uummataaf mijataa ta'uu isaa fakkeenyummaan  mirkaneesseera.

Giddugala seenaa fi aadaa kan taate Jimman; urgaa buna isheetiin qofa osoo hin taane  miidhagina bocama mukaa dinqisiisaa isheetiinis  xiyyeeffannoon  namoota baay'ee hawwatteetti.


Keessummaan magaalaa miidhagduu kanaa dhufe hundi miidhagina uumamaa qofa ilaalee hin deebi'u; buna Jimmaa urgaa'aa dhandhamatee, hojii harkaa  ogeessotaa  kan ta'an   muka bocamanii  miidhagan  yaadannoodhaaf  qabachuun seenaa jiraataa magaalattii qabatanii   deemu.

 Masaraa Mootii Abbaa Jifaar haroomsamuu fi misoomni  Haroo Booyyee malkaa seenaa fi uumamaa kan taate Jimmaaf  boqonnaa  Turiizimii haaraa bananiiru.

 Jijjiiramni dinqisiisaan naannoo Haroo Booyyeetti raawwatame jireenya uumama naannichaa kan ol kaase ta’uun, jiraattota naannichaafi keessummoota magaalaatiif iddoo bashannanaa filatamaa fi yaadannoo gaarii hambisu ta’eera.

Jimman seenaa fi eenyummaa ishee eeggattee arfiitiin misoomaa, ijaaramaa fi guddachuu irratti argamti.  Magaalattiin yaadannoo seenaa kanaan duraa fuula haaraa magaalaa waliin makuudhaan, seenaa fi ammayyummaa gidduutti riqicha haaraa jabaa ta'e ijaaraa jirti.


Kanaan alattis Jimman giddugala konfiraansii hawwataas ta'aa dhufteetti.Hoteelonni gurguddoon ijaaramaniiru; taateewwan gurguddoo adda addaas keessummeessaa jirti. Kunis magaalattii daawwattootaaf, hawaasa daldalaa fi dhaabbilee adda addaatiif iddoo hawwata  ta’aa jira.

Magaalaan Jimmaa yeroo ammaa waggaatti lammileen kuma 300 ol ta'aniin kan daawwatamtu taateetti. Kan dhufanis miidhagina magaalattii ilaaluuf qofa osoo hin taane, seenaa ishee tuquuf, buna ishee dhandhamachuuf, eebba uumamaa ishee shaakaluufi eenyummaa Jimmaa kan addaa ta'e hubachuufi.

Jimma seenaa ishee fi Miidhagina ishee eeggattee gara fuulduraatti tarkaanfachaa jirti. Keesummaan Bunashee dhugee  nagaashee argee  yaadannoo ishee fudhatee  deebi’a.

Bunaa fi nagaa hin dhabiinaa !!

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015