Yunivarsiitiin Madda Walaabuu damee turizimii qo’annoo fi qorannoon deeggaruuf hojii hojjechaa jiru ni cimsa - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitiin Madda Walaabuu damee turizimii qo’annoo fi qorannoon deeggaruuf hojii hojjechaa jiru ni cimsa
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Yunivarsiitiin Madda Walaabuu damee turizimii qo’annoo fi qorannoon deeggaruuf hojii hojjechaa jiru cimsee akka itti fufu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. BiraanaMasqal Xannaa ibsan.
Qo’annoo fi qorannoon Yunivarsiitichi damee kanarratti gaggeessu industirii turizimii kan dadammaqsuu fi sadarkaa olaanaatti akka ceesisan himameera.
Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraana Masqal Xannaa ENA’f akka ibsanitti, mootummaan hawattoota turizimii misoomsuuf xiyyeeffannoo kenneen turtiin turistootaa dheerachuun galii achirraa argamu guddisuuf qooda guddaa bahachaa jira.
Bakki Yunivarsiitichi itti argamu Baalee fi naannawichi damee Turizimiif humna guddaa waan qabuuf Yunivarsiitichi damee kana qo’annoo fi qorannoon deeggaraa akka jiru dubbataniiru.
Naannawichi lubbu qabeeyyiin hedduu fi hambaaleen seena qabeessaa sadarkaa idil addunyaatti barbaadaman kan keessatti argamu waan ta’eef, Yunivarsiitichi kennaawwan kana dhaqabamaa taasisuuf qooda fudhattoota waliin ta’uun hojii hedduu hojjechaa jira jedhaniiru.
Godinawwan Baalee , Baalee Bahaa fi Arsii Lixaatti kan argaman Holqi Soof Umar, Dirree Sheek Huseen fi Paarkii biyyaalessaa gaarreen Baalee guddina damee Tuuriizimiitiif dandeettii guddaa ta'uu isaanii eeraniiru.
Paarkii biyyaalessaa Gaarreen Baalee "Paarkii tokko addunyaa hedduu" jedhamuun kan beekamuu fi iddoowwan hawwata turiizimii biraa naannichatti argaman caalaatti akka beekamanii fi deebi'anii akka misoomaniif tattaaffii taasifamu keessatti Yuunivarsiitichi gahee isaa gumaacha turuu ibsaniiru.
Rakkooleen iddoo hawwata Dirree Sheek Huseenitti mul'atan furuudhaan hambichi caalaatti akka misoomu gochuuf qorannoowwan hayyoota Yuunivarsiitichaan gaggeeffamaa jiran qaama tattaaffii kanaa ta'uusaa hubachiisaniiru.
Hayyoonni Yuunivarsiitichaa qaamolee qooda fudhattoota biroo waliin ta'uun waggoota darban keessatti qorannoo taasisaniin, Hawwata Tuuriizimii fi holqoota 100 ol ta'an kanneen kanaan dura naannichatti bal'inaan hin beekamne akka beekamanii fi akka galmeeffaman taasifameera jedhaniiru.
Akkasumas, iddoowwan hawwata Turiizimii kunniin argaman salphaatti adda baasuuf kan gargaaru kaartaan dijiitaalaa kan hojjetameef ta'uu pirezidaantichi eeraniiru.
Biyyattii keessatti iddoowwan hawwata turizimii fi hoteelonni babal'achaa jiruu kan eeran Dr. Birhaanamasqal Yuunivarsiitichi meeshaa industirii guddachaa jiru kanaaf madaalu ogeessota gahumsa qaban horachuuf hojiiwwan adda addaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.
Yuunivarsiitichi dhiyeenya kana mata duree "Barnoota Tuurizimii fi Keessummeessummaa Waraqaa Qorannoo Namtolchee (AI)tiin sakatta'uu" jedhuun waltajjii qorannoo idil-addunyaa qopheesse walitti hidhaminsa naannoo damichaa cimsuudhaan teeknoloojiidhaan deeggaruuf gahee guddaa akka qabu addeessaniiru.
Waltajjiin kun yuunivarsiitichi iddoowwan Hawwata Turiizimii caalaatti misoomsuu fi beeksisuuf tattaaffii waaraa taasisaa jiruuf muuxannoo idil-addunyaa kan irratti argame ta'uus ibsaniiru.
Yuunivarsiitichi rakkoolee fi carraawwan gaarii damee Turizimii keessatti mul'atan qorannoodhaan adda baasuun, sekteericha fooyyessuu fi guddina turiizimii waaraa mirkaneessuuf tattaaffii jalqabe cimsisee kan ittifufu ta'uu pirezidaantichi beeksisaniiru.