Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaaleen waloomaa, jaalalaa fi keessummaa simachuu ciminaan keessatti mul’atudha - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaaleen waloomaa, jaalalaa fi keessummaa simachuu ciminaan keessatti mul’atudha
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaaleen waloomaa, jaalalaa fi keessummaa simachuu ciminaan keessatti mul’atu ta’uu abbootiin amantaa ibsan.
Bu’uraaleen misoomaa Finfinneetti ijaaraman ayyaanichaaf miidhagina akka kennan dubbataniiru.
Abbootiin amantaa ENA’f akka ibsanitti; ayyaanni Damaraa Masqalaa Yuuneeskootti kan galmaa’e hambaa waloo idil addunyaa waan ta’eef duudhaaleen waloomaa, jaalalaa, nagaa, waliif yaaduu fi keessummaa simachuu cimanii keessatti mul’atanidha.
Hojii gaggeessaan mana lubummaa kutaa magaalaa Lidataa, Qirqoos fi Addis Katamaa hangafa beektotaa abbaa Xi’uma lissaan Adaanaa akka ibsanitti, ayyaanni Masqalaa sadarkaa Yuneeskootti galmaa’ee waloomaan kan kabajamu qabeenya waloo ummattootaati.
Hordoftoonni ayyaanicha kabajuuf addababayiitti yoo bahan jaalala waliif yaaduu fi tokkummaa biyyaalessaa lapheetti qabatanii ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Keessummoota waldaalee biyyoota addunyaa garagaraarraa dhufan jaalalaan simachuun maqaa gaarii biyyaa mul’isuuf qooda guddaa akka qabaatu ibsaniiru.
Bulchaan olaanaa Dabra Yibaabee qulqulluu Yaareed Malaaka Gannat Zamaariyam Mucee gamasaaniin, ayyaanni Masqalaa addunyaan kan ittiin fayye, agarsiiftuu nagaa, jaalalaa, tokkummaa ta’uu dubbataniiru.
Bulchaan olaanaa Mahidara Sibihaat qulqulluu Lidataa Lamaariyam fi bataskaana Dabra Madaana alam Malaaka Sibihaat Qomos Abbaa Gabra sillaasee gamasaaniin, ayyaanichi maqaa gaarii biyyaa agarsiisuuf gumaacha akka qabu dubbataniiru.
Lallabaa Finfinneetti hojii gaggeessaan olaanaa Kutaa magaalaa Eekkaa Malaaka Mirat Baqaaluu Warqinaa, ayyaanni Masqalaa hordoftoota amantichaa qofaan osoo hin ta’iin duudhaa waloo fi qabeenya biyyaa ta’uu ibsaniiru.