Tamsaasa Kallatti:

Wancii: Dagatamuu irraa gara bakka daawwannaa filatamaatti

Kaka'umsa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) "Maaddiin Biyyaaf" jedhuun eegalchiisaniin, Itoophiyaan damee Turizimii keessatti boqonnaa haaraa galmeessisaa jirti.

Haroon Wancii  Naannoo Oromiyaa Aanaa  Waanciitti argama.   

Haroon Wancii  olka'insa saarrii galaanaa irraa meetrii 3,000 ol irratti kan argamu yoo ta'u, naannawaa haala qilleensa baddaa qabu keessatti argama.

Inisheetivii  sagantaa  Maaddiin  biyyaaf  jedhuun   Ministira Muummee  Dr.Abiyyi Ahimadiin eegalame keessatti hammatamuun, misoomni bu'uuraa gurguddaan naannoo Haroo kanatti ijaarameera.

 Haroon wancii  misoomtee  bakka  hawwata Turistii  filatamoo ta’an keessa tokko ta’uun qalbii turistoota biyya keessaa fi alaa harkisee jira.

 Kanaanis yeroo ammaa  Wanciin  Dagatamuu irraa gara bakka daawwannaa filatamaatti guddachuun  sadarkaa   beekamtii Idil addunyaa argachuurra  ga’eera.

Haroon Wancii kanaan dura qabeenya uumamaa dinqisiisaa qabaatus,  yeroo dheeraaf xiyyeeffannoon waan itti hin kennamneef  dagatamee ture.  Haata'u malee, waggoottan dhiyoo as tarkaanfiiwwan gurguddoo fudhatamaniin gara bakka daawwannaa sadarkaa addunyaatti filatamtutti ce’eera.

 


 

Haroon Wancii:

• Misooma Ekkoolojii  fi Humna Simannaa: Bu'uuraalee misoomaa haaraa kanneen akka  Ikkooloojii Wancii  dabalatee, daawwattootaaf tajaajila Doonii, Fardaa, fi Riqicha  miidhagoo dhiyeessuun akkaataa ammayyaa fi hawataa ta'een misoomee jira.

• Faydadamummaa Hawaasa Naannoo: Waldaan Ikkoo-Tuuriizimii Wancii (WETA) hawaasni naannoo tuuriizimii kanaan  galii argatanii  jireenya isaanii akka fooyyessan karaa qindaa'aa ta'een hojjechaa jira.

Haroon Wancii qabeenya uumamaa dinqisiisaa fi faayidaalee hedduu gama dinagdee, hawaasummaa, fi naannootiin  qaba.

 


 

Carraawwan Hojii Ikkoo-Turizimii Haroo Wancii Irratti Uumaman:

• Tajaajila Tuurizimii fi Loojistiksii: Ijaarsa loojiiwwan, iddoowwan qophinii fi tajaajila bashannanaa garagaraa irratti namoonni hojiitti bobba'aniiru.

• Ijaarsa Manneen Jireenyaa fi Bu'uuraalee Misoomaa: Naannawuma sanatti ijaarsa manneen jireenyaa sadarkaa isaanii eeggatanii fi hojiilee misooma qindaawaa irratti hirmaannaa fi carraan hojii bal'aa uumameera.

• Qonna Qindaawaa fi Omisha Naannawaa: Qonnaan bultoonni naannawa sanatti argaman osoo hin buqqa'in, sanyii biqiltuu muduraafi kuduraa dhiheessuu, horsiisa horii aannanii sanyii fooyya'oo, akkasumas fardeen tajaajila hawwata Turizimiitiif oolan qopheessuun fayyadamoo ta'aniiru.


 

Biiroon Qonnaa Oromiyaas qonnaan bultoonni naannawaa Haroo wancii jiraatan osoo hin buqqa'iin naaannooma sanatti mana  sadarkaa isaa eeggate ijaaruun   hojii qonnaa qindaawwaa naannawaa sanatti  hojechuun  dinagdee isaanii  akka fooyeffatan   haala mijeessuun  tumsa irraa eegamu taasisee jira.

Haaluma kanaan, qonnaan bultoota naannawaa haroo wancii jiraataniif mana jireenyaa ijaaruurra darbamee hojiiwwan.

qonna qindaawaa jiruu fi jireenya isaanii haala salphaa ta'een itti gaggeeffatan: sanyii biqiltuu muduraa fi kuduraa dhiheessuufiidhaan waliin dhaabuu,  horii aannanii sanyii fooyya'oo  dhoheessuufiidhaan duuka bu'uun ogummaan deeggeruu, Fardeen hawwata tuuriizimiif oolanii, bushaayee fi hojiiwwan qonna qimdaawaadhaan deeggersa taasisaa jirurraa fayyadamoo ta'aa jirachuu ragaan biiroo qonnaa Oromiyaa irraa argame mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015