Magaalaa Finfinneetti Motor bishkiliitii konkolaachisuun yeroo hin murtoofneef dhorkameera-Poolisii - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Finfinneetti Motor bishkiliitii konkolaachisuun yeroo hin murtoofneef dhorkameera-Poolisii
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Har’a Fulbaana 15 bara 21018 irraa eegalee magaalaa Finfinneetti Motor bishkiliitii abbaa miila lamaa konkolaachisuun dhorkamuusaa qajeelchi walii galaa olaanaa Poolisii Finfinnee beeksise.
Kanneen yakka raawwatan tokko tokko motor bishkiliitiitti gargaaramuun yakka hannaa osoo raawwatanii qabamanii qoratamaa akka jiran ibsameera.
Kanneen yakka raawwatan bakkaa bakkatti socho’uu fi meeshaalee hataman fuudhanii deemuuf irra caalaa motor bishkileetii akka fayyadaman beeksiseera.
Konkolaachiftoonni motor bishkiliitii hedduun danbii tiraafikaa akka hin kabajnee keessumaa ibsaa diimaa darbanii deemuu,konkolaattota birootti bu’uun miliquu, qoobii (heelmeettii) osoo hin keewwatiin konkolaachisuu, lakkoofsa saleedaa luqqa’ee fi argamuu hin dandeenye fayyadamuun rakkoo konkolaachiftoota bishkiliitiirratti mul’atan ta’uu poolisiin ibseera.
Yakka ittisuu fi danbii konkolaachiftoota bishkileetiin raawwatamu to’achuuf har’a Fulbaana 15 bara 2015 irraa eegalee Koodii 4 fi bishkiliitii poolisiin ala Magaalaa Finfinnee keessa motor bishkileetii abbaa miila lamaa konkolaachisuun dhorkamuusaa qjeelchi walii galaa olaanaa poolisii Finfinnee beeksiseera.
Konkolaachiftoonnii fi abbootiin motor bishkileetii waan barbaachisu akka raawwatan poolisiin hubachiisee haa ta’u malee kanneen hubachiisa cabsan irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu qajeelchi walii galaa olaanaa poolisii Finfinnee beeksiseera.