Itoophiyaan Hulaa Galaanaa argachuun ishee fayyadamummaa dinagdeetiin olitti nagaa fi tasgabbii Riijinichaa mirkaneessuuf murteessaadha- Hayyoota - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan Hulaa Galaanaa argachuun ishee fayyadamummaa dinagdeetiin olitti nagaa fi tasgabbii Riijinichaa mirkaneessuuf murteessaadha- Hayyoota
Fulbaana15/2019 (ENA) Itoophiyaan Hulaa Galaanaa argachuun faayidaa dinagdee argamsiisuun olitti, Riijinichatti nagaa fi tasgabbii amansiisaa mirkaneessuu fi misooma waliinii saffisiisuuf tattaaffii taasisaa jirtu caalaatti fooyyessuuf akka gargaaru hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa dubbataniiru.
Itoophiyaan waggoota kurnan sadan darbanitti daldala al-ergiis ta’e alaa kan galchitu dhibbentaa 95 ol kan ta'u kaffaltii tajaajilaa fi kiraatiif buufata doonii Jibuutiif baasaa turteetti.
Hirkatummaan hulaa galaana kun karoora dinagdee goorootiif qormaata ta’uun olitti nagaa fi tasgabbii Riijinichaa fi sochii Jii’oopolotiksii keessatti qabdu daangessaa tureera.
Mootummaan Itoophiyaa dhiyeenya kana hula Galaanaa argachuun dhimma jiraachuu, nageenya biyyaa fi misooma yeroo dheeraa ta'uu isa ibsuun, qajeelfama waliin misoomuu fi waliin fayyadamuu irratti hundaa'eetti tattaaffii dippilomaasii taasisaa jiraachuun ni beekama.
Hayyoota Yuunivarsiitii Jimmaas Itoophiyaan hula galaanaa argachun ishee fayyadamummaa dinagden alattis, nageenya Galaanaa Riijinichaa eeguu fi walitti hidhamiinsa dinagdee waliinii ariifachiisuu keessatti gumaacha taasisaa jirtu gara sadarkaa ol'aanaatti kan ceessisudha.
Yuunvarsitii Jimmaatti Barsiisaa fi Qorataan Kutaa Barnoota Bulchiinsaa Yuunivarsiitichaa Dr. Badaassaa Firaajaa akka jedhanitti, Itoophiyaan hula galaanaa Diimaa waliin seenaa hariiroo seenaatiin kan qabdu ta'uu isheetiin biyyattiif hula ganaanaa argachuun bu'aa ol'aanaa qaba.
Akkasumas Itoophiyaan hula galaanaa dhabuun dinagdee Itoophiyaa irratti qofa osoo hin taane, sosochii nageenyaa Riijinichaa irrattis dhiibbaa uumuun qormaatilee garagaraatiif ishee saaxileera.
Gara biraatiin Barsiisaa fi Qorataan Inistitiyuutiitti Teeknoolojii Yuunivarsiitichaatti Barsiisaa Maandisa Bishaanii fi Gargaraa Piroofeesaraa Mamuuye Buseer , dhimmi hula galaanaa faaayidaa diinagdee Itoophiyaa waliin kallattiin kan walqabatu ta'uu isaa kaasaniiru.
Akka gargaraan Piroofeesaraa Mamuuyeen jedhanitti, Itoophiyaan seenaa ishee keessatti humna Galaanaa cimaa kan qabdu ta'uu bira darbee Galaana diimaa dhiheenyatti fayyadamaa turte.
Dhumarrattis, dantaa biyyaalessa Itoophiyaa kabachiisuuf dhaloonni waliin dhaabbachuu fi nagaaf dursa kennuun hojjechuu akka qaban hayyoonni kun cimsanii gaafataniiru