Abbummaan Hulaa Galaanaa dhimma Jiraachuu akkasumas nageenya Naannichaa mirkaneessuuti - ENA Afaan Oromoo
Abbummaan Hulaa Galaanaa dhimma Jiraachuu akkasumas nageenya Naannichaa mirkaneessuuti
Fulbaana 15/2019 (ENA):- Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa qabaachuun nageenya naannichaa mirkaneessuu fi guddina dinagdee saffisiisuuf dhimma jiraachuu ta’uu, Itti Aanaa Daayirektara Olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa, Meejar Jeneraal Ahimad Hamzaa ibsan.
Itoophiyaan waggoota soddoma dura hulaa galaanaa fi qarqara galaanaa addunyaa waliin wal qunnamsiisu qabaachuu ishee seenaa keessatti galmaa’ee jira.
Hulaan galaanaa daldala alaa saffisiisuuf, baasii geejjibaa meeshaalee alaa galanii fi gara alaatti ergamanii hir’isuuf, akkasumas oomisha biyya keessaa gabaa addunyaa irratti dorgomaa taasisuuf murteessaa dha.
Sadarkaa addunyaatti, qindoomina teessuma lafaa, mirga qabeenya uumamaa itti fayyadamuu fi dandeettii dhiibbaa naannawaa uumuu hulaa galaanaa waliin walitti dhufeenya cimaa qabu.
Itti Aanaan Daayirektara Olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa, Meejar Jeneraal Ahimad Hamzaa, ENAf akka ibsanitti, Itoophiyaan hulaa galaanaa kana kan dhabde dogoggora ilmaan isheetiiniifi shira humnoota alaa qindaa’een akka ta’e ibsaniiru.
Gaaffiin Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu dhiyeessitu nagaa, seera qabeessa fi abbummaa kabachisuu irratti kan hundaa’e dhimma jiraachuu ta’uu ibsaniiru.
Gaaffiin Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa argachuuf qabdu deebii argachuun, faayidaa dinagdee Itoophiyaa qofa osoo hin taane, biyyoota ollaattis fayyadamaa akka taasisuu dubbataniiru.
Itoophiyaan durii kaasee bilisummaa, nageenyaa fi tasgabbii Afrikaa keessatti fakkeenya ta’uu ibsanii, nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf dandeettii guddaa akka qabdu eeraniiru.
Hulaa galaanaa argachuun Itoophiyaaf tasgabbii siyaasaa fi nageenya naannichaa cimsuu bira darbee, faayidaa dinagdee olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Kunis, dippilomaasii fi dandeettii dhiibbaa uumuu Itoophiyaa daran guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru