Tamsaasa Kallatti:

Keessummoota Ayyaana Masqalaa Kabajuuf gara maatiisaanii deemaniif gaggeessan taasifame

Fulbaana 15/01/2019 (ENA):Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Keessummoota Ayyaana Masqalaa Kabajuuf gara Magaala Karra Qoree qaxxaamuruun gara maatiisaaniitti imalaniif gaggeessaan daandiirraa taasifamee jira.

Uummatni Oromoo kabaja, jaalalaa fi Aadaa wal-danda'uu duudhaa isaa keessatti horateen Uummata fakkeenyummaa qabudha.

Keessummaa simachuu fi kabajaan gaggeessuun sonawwan jireenya hawaasummaa keessatti Uummanni Oromoo ittiin beekamu yoo ta'u, kunis wal-danda'uu fi waliin jireenya cimsuurra darbee daneessummaa fi wal-kabajuu irratti bu'uureffachuun walooma dagaagsaa jira.


Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Sabbataatti keessummoota Ayyaana Masqalaa kabajuuf Seensa Shaggar Karra Qoree keessa qaxxaamuruun gara maatii isaaniitti Naannoo Gidduu galeessa Itoophiyaa fi bakkeewwaan birootti imalaniif gaggeessaan daandiirraa taasifameera.

Kaayyoon sagantichaa imaltoonni rakkoo Balaa Tiraafikaa tokko malee socho'uun nagaan ayyaanicha akka kabajaniif hubannoo kennuuf kaayyeffatee kan qophaa'e ta'uun ibsameera.

Kana malees kabajaa fi Aadaa keessummaa simachuu calaqqisiisuun cinatti,hawwii gaarii imaltootaaf kan ittiin ibsamuu fi hubannoon ittisa balaa tiraafikaa kan ittiin taasifamu ta'uun ibsameera.

Bulchaa kutaa Magaalichaa Dr.Halaakee Waaqoo, masqalli ayyaana guddaa fi mootii ayyaanaa hawaasa bal'aan kabajamu ta'uu kan himan, kanaafis imaltoota ayyaanicha kabajuuf gara maatii isaaniitti imalan nagaan akka kabajaniif sochii geejjibaa naga-qabeessa taasisuuf sagantaa qophaa'e ta'uu ibsaniiru.

Daayireektarri Dhiheessii Geejjiba Oromiyaa Obbo Musbaddin Abdulmajid Sagantaaicharratti argamuun hojiin magaallii shaggar imaltootaaf qopheesse kun kabaja,Aadaa hammattummaa, wal-danda'uu fi guddummaa Oromoo kan ibsu ta'uu hojiin Magaalaa Shaggaritti Aadeffatames agarsiistuu ta'uu dubbataniiru.

Imaltonni seera tiraafikaa eeguun balaa tiraafikaan dubbuu darbu ittisuuf qooda isaan irraa eegamu akka bahatan dhaamaniiru.

Sagantaa gaggeessaa kana irrattis abbootii Gadaa, qeerroowwan akkasumas hooggantootni sadarkaan jiraniifi hawaasni kutaa magaalaa Sabbataa argamaniiru jechuun kominikeeshiniin magaalaa shaggar gabaaseera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015