Tamsaasa Kallatti:

Pirojektiin Ujummoo Sarara Dabarsa Boba’aa Qulqullaa’e Pirojektii Paan-Afrikaati – Pirezidaantii Jibuutii Ismaa’eel  oomar Giillee 

Fulbaana 15/2019 (ENA)– Pirojektiin Ujummoo Sarara Dabarsa Boba’aa Qulqullaa’e Pirojektii Paan-Afrikaati ta’uu Pirezidaantiin Jibuutii Ismaa’eel Umar Giilee ibsan.

Ijaarsi Pirojektii haaraan Ujummoo Sarara Dabarsa Boba’aa Qulqullaa’e kan Jibuutii Daamarjoogii irraa ka’ee Itoophiyaa Dawaale waliin kan walqunnamsiisu, akkasumas invastimantii tarsiimawaa guddaa ta’e har’a ifoomera.

Ministeerri Muummee Itoophiyaa doktar Abiyyi Ahimad sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu pirojektichaa irratti argamaniiru.


Pirezidaantiin Jibuutii Ismaa’eel Umar Giillee  akka jedhanitti Invastimantichi mootummaa fi dameen dhuunfaa biyyoota Afrikaa waliin yoo hojjetan, Afrikaa dorgomaa addunyaa taasisuun akka danda’amu kan agarsiisu pirojektii Paan-Aafrikaanaatti.

Pirojektichi taankarii kuusaa boba’aa kiyuubik meetira kuma 375 ol kan qabaatu yoo ta'u, waggaatti oomishaalee boba’aa toonii miliyoona 5 ol keessummeessuun rakkoo geejjibaa walqabatee jiru furuuf gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru.


Afrikaan qabeenya dheedhii gara alatti ergaa, boba’aa  Calalame  immoo gatii qaalii ta’een bitachuu itti fufuu fi marsaa hirkattummaa keessa turuun amma xumuruun akka barbaachisu Pirezidaantiin Jibuutii ibsaniiru.

Bilisummaan dhugaa kan argamsiisu immoo damee anniisaattin of danda’uu mirkaneessuu ta’uu hubachiisaniiru.

Bu’uuraaleen misoomaa walitti hidhamiinsa malee daangaa ce’anii tajaajila kennuu akka hin dandeenye kan ibsan Pirezidaantiin Giilee, bu'uurri seeraa naannoon daldala bilisaa ardichaa baase, bu’uuraalee misoomaa qabatamaa ta’aniin deeggaramuu akka qabu dubbataniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015