Tamsaasa Kallatti:

Ujummoon boba'aa baasii loojistikii fi yeroo haalaan hir'isa - Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Fulbaana 15/2019 (ENA): Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ujummoon boba’aa qulqullaa’e haaraan Itiyoophiyaa fi Jibuutii gidduutti ijaaramu baasii fi yeroo loojistikii haalaan hir’isa jedhan.

Ministirri Doktar Abiyyi Ahimad sirna ijaarsa ujummoo oomishaalee boba’aa Jibuutii Damerjog fi Itiyoophiyaa Dawallee walqunnamsiisu irratti hirmaatan.

Ijaarsi ujummoo boba’aa qulqullaa’e haaraa Jibuutii magaalaa Damerjog gara Itiyoophiyaa Dawalleen walqunnamsiisu invastimantii tarsiimoo guddaa ta’e har’a ifoomeera.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad akka jedhanitti, koridarii waloo ji’ogiraafiin biyyoota lamaaniif kenne riqicha Jibuutii gabaa bal’aa, Itiyoophiyaa ammoo daldala addunyaa waliin walqunnamsiisudha.

Harkifannaa geejjibaa, dandeettiin kuusaa daangeffamee fi mala geejjibaa gahumsa dhabuun hawaasa daldalaa irratti baasii guddaa akka fide hubachiisaniiru.


Har’a boba’aan liitira tokkoon tokkoon Finfinnee seenu konkolaataan guyyoota shan akka fudhatu, ujummoon haaraan kun imala kana gara guyyaa tokkootti akka hir’isu hubachiisaniiru.

Jibuutii, Itiyoophiyaa fi Gareen Dangootee waliin ta’uun ujummoo boba’aa Damerjog irraa hanga Dawallee kiiloo meetira 120 akka ijaaran akeekaniiru.

Gama lachuutiin bakki kuusaa waloo meetira kiyuubii miliyoona tokkoo ol ta’u kan dhaabbatu yoo ta’u, kunis rakkoon idil-addunyaa yoo mudate dhiyeessiin anniisaa akka hin jeeqamne kan taasisu ta’uu ibsaniiru.


Bu’uuraaleen misoomaa kun industirii fi qonnaa Itiyoophiyaa keessatti gumaacha olaanaa akka taasisan kan ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, heddummina geejjibaa dabaluudhaan ejjennoo Jibuutiin wiirtuu loojistikii naannoo ta’uun qabdus akka cimsu ibsaniiru.

Buufata doonii, daandii guddaa, daandii baaburaa, Giddugalli Loojistikii Mojoo fi ujummoon akka sirna walitti hidhameetti hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Dhaabbileen Afrikaa galmoota mul’ata isaanii waliin walsimu galmaan ga’uu fi sadarkaa addunyaatti dorgomuu akka danda’an agarsiisuu isaanii Alikoo Daangootee hubachiisaniiru.

Pirojektiin kun bu’uuraalee misoomaa Afrikaa guddina Afrikaaf kaappitaala Afrikaatiin ijaarame ta’uu ibsaniiru.

Hojiin kun lafatti fiduudhaan bu’a qabeessa ta’uu akka qabus hubachiisaniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad qaamota pirojektii invastimantii kana dhugoomsuuf gumaachan hunda galateeffataniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015