Tamsaasa Kallatti:

Jijjiiramni Magaalaa Finfinnee ayyaanota daandiirratti kabajamaniif miidhaginaa fi guddina Turizimiif haala mijaataa uume

Fulbaana15/2019 (ENA): Bu’uuraaleen misoomaa fi misoomsi koridarii magaalaa Finfinneetti ijaaraman ayyaana daandiiwwan irratti kabajaman kanneen akka Masqalaa, Irreechaa fi Soomana Hiikaa (Iid Al-Faxirii) caalaatti miidhagsanii kabajuuf akkasumas guddina Turizimiif haala mijaataa uumuu isaanii jiraattonni Magaalattii ibsan.

Magaalaan Finfinnee misoomsa koridarii, misooma qarqara lagaa, paarkiiwwan ammayyaa, bakkeewwan ispoortii xiyyeeffannoo harkisaniiru.

Hojiileen misoomsa kunniin magaalaa guddoo keenya sadarkaa Ardii fi addunyaatti ol kaasuu bira dabartee, Simboo biyya keenyaa jijjiiraniiru.

Miidhaginnii fi bu’uuraalee misoomaa ammayyaa magaalaan kun dhiyeenya kana gonfatte ayyaanota amantaa fi aadaa daandiiwwan irratti kabajamaniif miidhagina addaa kenneera.

Kunis hawwata turistoota biyya keessaa fi ala irraa dhufan dabaluu keessatti gahee guddaa taphachaa jira.

Jiraattota magaalattii yaada isaanii ENA’f kennan keessaa Obbo Namarraa Barsiisaa; ayyaanonni daandii irratti kabajaman kan barana magaala guddoo kenyatti kabajaman bu’uuraaleen misoomaa hedduun erga ijaaramaniin booda kabajamuu isaa adda isa taasisa jedhaniiru.

Bu'uuraaleen Misoomaa koridarii dabalatee magaalattii keessatti ijaaraman ayyaana kana hirmaachuufis ta'ee daawwannaaf kan dhufan simannaa gaarii argatanii gammaduun akka deebi'an amantaa qaban ibsaniiru.

Yaada kennitoota kan biroo Obbo Fiqiruu Endaalaa fi Obbo Masfin Gezaahanyi gama isaatiin hojiileen misoomsa Finfinnee keessatti hojjetaman magaalittiin teessuu Afriikaa ta’uu qabatamaan kan mirkaneessite ta'uu dubbataniiru.

Ayyaanonni Magaalichatti kabajaman miidhaginaa fi simboo sirnicha ta’uun hawwata turizimii dabalaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiileen misoomsa haaraya ijaaraman kunniin bifa gaarii biyyattii sadarkaa ol'aanaatti ol kaasanii mul’isuu keessatti gumaacha ol'aanaa akka qabaniis eeraniiru.

Jiraataan magaalattii obbo Tsahaye Malaakuu fi Aadde Maariyaa Anga gama isaaniitiin; kanaan dura haalli qulqullinaa fi miidhagina Finfinnee gadi aanaa akka ture yaadachiisanii, ayyaanota haala mijaataa fi miidhagaa ta'een kabajuun ulfaataa akka ture dubbatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015