Tamsaasa Kallatti:

Gargaaramtummarra gara Oomishtummaatti: Qamadii fi Ruuzii Naannoo Oromiyaa

Yaadamni "Gargaaramtummarraa gara oomishtummaatti" jedhu kun mul'ata siyaasaa-dinagdee Itoophiyaa keessatti waggoota jijjiiramaa kanaa keessatti xiyyeeffannoo guddaa argateera.

Itoophiyaan waggoota dheeraaf deeggarsa nyaataa biyya alaa irraa dhufu irratti hirkachuun ishee dinagdee, kabajaa fi of-danda'iinsa biyyaalessaa irratti dhibbaa guddaa uumeera.

Ilaalcha "gargaarsa eeggachuu" jedhu kana hundee irraa jijjiiruun barbaachisaa ta'uu isaatiin yaadamni Gargaaramtummarra gara oomishtummaatti jedhu hojiirra oolun isaa ni yaadatama.

Biyyattiin lafa bal'aa, bishaan, humna dargaggoo fi haala qilleensaa mijataa qabduu hiyyummaa keessa jiraachuun ishee waan nama saalfachiisudha.


Kanarraa ka’uudhan qabeenya jiru guutummaatti gara oomishtummaatti jijjiiruu akka barbaachisu ifatti mul’iseera. Gargaarsa irratti hirkachuu irraa gara oomisha gahaa dhiheessuu, oomisha biyya alaa irraa galu bakka buusuu fi gara biyya alaatti ergutti ce'uun danda’ameera.

Naannoo Oromiyaattis yaadni kun teeknoolojii, humna hawaasaa fi qabeenya uumamaa walitti fiduun kallattiiwwan gurguddoo armaan gadiitiin hojiirra oolaa jira.

Lafa callaan irraa hin argamne yeroo bonaa bishaan lagaa fi bishaan lafa keessaa fayyadamuun qamadii bal'inaan oomishamuun danda'ameera. Kunis qonnaan bulaan waggaatti yeroo tokko qofa oomishuu irraa gara yeroo 2–3 oomishtummaatti ceesiseera.


 

Imalli "gargaaramtummarra gara oomishtummaatti" jedhu kun keessattuu midhaan kanneen akka Qamadiifi Ruuzii irratti jijjiirama guddaa fiduu danda'eera.

Oomishamaa Qamadii gannaa qofa irratti hirkatee ture gannaa fi Bona waggaatti yeroo lama akka oomishamu godhameera. Jallisii gurguddoo yeroo bonaa fayyadamuudhaan lafa hektaara miliyoonaan lakkaawwamu misoomsuunis danda'ameera.

Sanyii fi xaa'oo ammayyaa yeroon raabsamuudhaan sadarkaan teeknoolojii fi maashineerii fayyadamuutti guddateera.

Oromiyaan qamadii biyya alaa irraa galu bakka buusuu bira darbitee, Itoophiyaan qamadii gara biyya alaatti akka ergitu gumaacha ol aanaa gumaacheera.

Wabii nyaataa maatii mirkaneessuurra darbee, qonnaan bulaa hedduu gara daldalaatti galchuun deeggartummaa irraa gara oomishtummaaitti jijjiireera.

Gama biraatiin, naannoo Oromiyaa, keessattuu aanaalee akka Wallagga, Iluu Abbaa Boraa, Buunnoo Beddellee, Godinaalee Jimmaafi Shawaa Lixa keessatti oomisha Ruuzii babal'isuuf xiyyeeffannoo addaa kennameera. Lafa ciisaa gara lafa oomisha Ruuziitti jijjiiruuf leenjii fi teeknoolojiin akkasumaaas sanyiin filatamaa qonnaan bultootaaf dhihaateera.

Ruuziin duraan biyya alaa irraa bal'inaan galu naannichuma keessatti oomishamuun gabaaf dhiyeessuun danda'ameera.

Ilaalchi qonnaan bulaas gargaarsa nyaataa eeggachuu irraa gara oomishtummaatti jijjiirameera.

Misooma jallisii qamadii fi Ruuzii irratti dargaggoonni gurmaa'anii lafa, maashinerii fi dhiheessii gargara argachuudhaan hojii uummachuu fi galii guddaa argachuu danda'aniiru.

Misoomni qamadii fi Ruuzii Naannoo Oromiyaa keessatti raawwatame kun wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, oomisha biyya keessaa guddisuun dinagdee biyyaalessaa jabeessuu keessatti shoora guddaa taphateera.


Adeemsi kun keessattuu dargaggoota aanaalee fi ganda adda addaa keessatti gurmeessuun lafa jallisii, kombayinarii, tiraaktaraa fi paampii bishaanii dhiheessuudhaan akka of danda'anii fi oomishatti galan gochuun danda’ameera.

Dargaggoonnii fi qonnaan bultoonni leenjii faayinaansii, qonna saayinsawaa fi tooftaa gabaa irratti akka argatanis godhameera.

Yaadamni "gargaaramtummarra gara oomishtummaatti" jedhu kun fedhii biyya keessaa guutuu qofa osoo hin taane, dinagdee jabaa kan deeggarsa irratti hin hirkanne uumudhaaf hojii adda durummaan Naannoo Oromiyaa keessatti qabatamaan gaggeeffamaa jirudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015