Tamsaasa Kallatti:

Baalee bara Jijjiiramaa asitti

Godinni Baalee seenaa, aadaa fi qabeenya uumaa guddaa kan qabdu yoo taatu, baroota jijjiiramaa asitti dameewwan adda addaatiin sochiiwwan misoomaa fi haaromsaa gurguddoo galmeessisaa jirti.


 

Misooma Faayidaa ummataa mirkaneessan, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, xiyyeeffannoo Tuurizimii fi fooyya’insa dinagdee irratti mul'atan godinicha gara sadarkaa haaraatti ceesisaa jiru.

Bara jijjiiramaa keessa godinichatti ijaarsa daandii, Manneen Barnootaa fi dhaabbilee fayyaan hojii bal’aan hojjetameera. Kunis qunnamtii magaalotaa fi baadiyyaa fooyyessuudhaan walitti hidhaminsa uumeera .

Qonnaan Bulaan teeknoolojii haaraa fi sanyii filatamaatti fayyadamuu irratti xiyyeeffannoon kennamee milkaa’inni galii qonnaa dabaluu fi bu’aa dabalataa uumuu danda’eera.

nyaataan of danda’uu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti sochiin taasifame bu'aa gaarii argamsiiseera.

Parkiin Biyyaaleessaa Gaarreen Baalee fi holqawwan seenaa kanneen akka Holqa Sof Umar misoomsuu fi addunyaatti beeksisuu keessatti hojiiwwan gurguddoon hojjetamaniiru.


 

kanaanis dinagdee Hawwata Turizimii naannichaa dabalaa dhufeera.

Fakkeenyaaf Holqa Soof Umar keessatti bara jijjiiramaa asitti hojiiwwan misoomaa, haaromsaa fi ijaarsa bu'uuraalee misoomaa gurguddoon sochiilee turizimii fi qabeenya uumaa tilmaama keessa galchan raawwatamaniiru.

Ijaarsa Loojii Naannoo Holqaa yoo ilaallee loojiin kun Daawwattootaaf tajaajila bashannanaa fi bultii qulqullina ol'aanaa qabu kennuu kan danda’udha.

Pirojektiin loojii kunis galii kitaaba Dr. Abiyyi Ahimad "Dhaloota Ida'aamu" jedhu irraa argameen kan ijaaramudha.


Holqa sana keessa daawwannaaf kan mijatan ijaaruu, daandiiwwan miillaa keessoo fi alaa fooyyessuu, fi eegumsa uumamaa irratti hojjetameera.

Haaromsa qorannoo saayinsawaa irratti hunda'een uumamaa fi qabiyyee holqichaa osoo hin balleessiin seensaa fi ba'insa isaanii fooyyessuun danda'ameera.

Walumaagalatti, hojiiwwan kunniin holqa Soof Umar irraa misooma Turizimii Waaraa uumuu fi dinagdee godinichaa fi biyyaa cimsu raawwatame jira.

Paarkiin Biyyaaleessaa Gaarreen Baalee bara jijjiiramaa keessa xiyyeeffannoo guddaa fi sadarkaa seenaa qabeessa ta'e argateera.

Mootummaan damee Tuurizimii fi qabeenya uumaamaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennaniin, paarkichi haaromsaa fi beekamtii addunyaa argateera.

Bara jijjiiramaa keessa milkaa'ina guddaa argame keessaa inni ijoon, Paarkiin Biyyaaleessaa Gaarreen Baalee (UNESCO) biratti akka Hambaa Uumaa Addunyaatti galmaa'uusaati.

Walumaa galatti nageenya mirkaneessuu, walitti dhufeenya uummataa cimsuu fi Sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaannaa uummata Baalee guddaan bosonaa fi qabeenya uumaa eeguu keessatti gaheen godinichaa guddaa ture.

Baalee bara jijjiiramaa asitti sochii misoomaa fi guddinaa dinqisiisaa keessa jirti. Hojiiwwan hojjetaman kunniin fedhii uummataa guutuu bira darbee, godinichii gara fuulduraatti bu’uura misooma waaraa fi dinagdee guddaa irra kan ga’ani dha

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015