Sararri ujummoo boba’aa qulqullaa’e dabarsu walitti hidhaminsa daldalaa Itiyoophiyaa fi Jibutii kan saffisiisudha-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Sararri ujummoo boba’aa qulqullaa’e dabarsu walitti hidhaminsa daldalaa Itiyoophiyaa fi Jibutii kan saffisiisudha-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Fulbaana 14 /2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Jibutii jidduutti kan ijaaramu sararri ujummoo boba’aa qulqullaa’e dabarsu walitti hidhaminsa daldalaa biyyoota lamaanii kan saffisiisu ta’uu Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Ismaa’eel Omar Giilee fi Aliikoo Daangootee waliin ta’uun, ijaarsa toora ujummoo boba’aa qulqullaa’e dabarsu haaraa Itiyoophiyaarraa amma Dawwalleetti wal quunnamsiisu fi invastimantii tarsiimawaa kan ta’e har’a ifoomsuusaanii ibsaniiru.
Pirojektichi tarminaalota kuusaa fiixee lamaanitti ijaaramaniin kan deeggarame yoo ta’u, misoomni bu’uraa seena qabeessi kun wal ta’insa Itiyoophiyaa Invastimanti hooldiingisii fi garee Daangooteen kan hojjetamudha jedhaniiru.
Baasii lojistiksii fi harkifannaa hir’isuudhaan, wabii anniisaa akka cimsu kan ibsan inistirri muummee, saffisaa fi fulla’insa sarara daldalaa Itiyoo-Jibutii akka guddisus beeksisaniiru.
Bu’uri misooma kun ijarsa ujummoo boba’aa dabarsuun olitti, invastimantii Afriikaanotaa fi waliin misoomuu giddu galeessa kan godhate, guddina fulla’aa, walitti hidhamiinsa naannoo fi dinagdee waloo caalaatti amansiisaa ta’eef kan hojjetamu invastimantii bal’aa ta’uusaa ministirri muummee ergaa dabarsaniiru.