Maaddii Guutuun – Wabii nyaataarraa amma omishtummaa fulla’aatti - ENA Afaan Oromoo
Maaddii Guutuun – Wabii nyaataarraa amma omishtummaa fulla’aatti
Kaayyoon maaddii guutuu inni ijoon oomishaalee galtee beelladaa kanneen akka aannanii, foonii killee fi dammaa bal’inaan oomishuudhaan birmadummaa nyaataa fi wabii sirna nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetamaa kan jiru inisheetiivii biyyaalessaati.
Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad Onkoloolessa bara 2018 maaddii guutuu magaalaa Arbaa Mincitti eegalchiisaniiru.
Ministirri muummee wayita sana ergaa dabarsaniin, nyaataan of danda’uu dadhabuun kabaja biyyaa akka dhabsiisuu fi Itiyoophiyaan nyaataan yoo of hin dandeenye bilisummaa guutuu qabaachuu akka hin dandeenye ibsaniiru.
Milkaa’ina omisha Qamadiin mul’ate maaddii guutuun dabalamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Dhaloota fayya buleessaa fi oomishu uumuuf maaddii biyyaalessaa keenya nyaata madaalawaan guutuu akka barbaachisu ibsaniiru.
Galmi ijoon maaddii guutuu nyaata madaalawaa sadarkaa maatiitti mirkaneessuun quucaruu daa’immanii hir’isuu, dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii uumuu, akkasumas jireenya lammiilee fooyyessuu akka ta’e odeeffannoon ministeera qonnaa ni mul’isa.
Sagantaan biyyaalessaa kun dameelee xiyyeeffannoo garagaraa fi deeggarsa taasisan qabatee hojiirra oolaa jira.
Sanyii loon aannanii fooyyessuudhaan omisha aannanii guddisuu, foonii lukkuu fi killee sadarkaa maatiitti dhugoomsuu, akkasumas gaagura ammayyaatti gargaaramuun qulqullina dammaa fi oomishasaa dabaluun isaan ijoodha.
Kana cinaatti qonnaa fi horsiisa loonii qama qonnaa taasisuuf sosochiin bal’aan uumamuunsaa fooyya’insa guddaadha.
Omishni lukkuu fi killee dabaluu qofa osoo hin taane warshaaleen aannan qiqindeessanii fi wiirtuuleen itti walitti qabamu babal’ataniiru.
Nyaata pirootiiniin gabbate keessumaa killee fi annan daa’immanii fi dubartoota ulfaaf dhiheessuudhaan jijjiiramni argameera.
sSadarkaa biyyaalessaatti cuuciin guyyaa tokkoo miiliyoonaan lakkaa’aman, saawwan aannanii sanyii fooyya’aa fi gaagurri ammayyaa qonnaan bulaa fi jiraataa magaalaaf dhihaataniiru.
Maaddii guutuun Itiyoophiyaan nyaataan of danda’uu fi sirna nyaataa fooyyessuuf kan eegalame qama ijoo imala tarsiimawaati.
Walumaa gala maaddii guutuun gufuulee wabii nyaataa sababaoota keessaa fi alaan ishee mudatu cichitee maqsuuf hojiilee ijoo mootummaan hojiirra oolche keessaa fakkeenya tokkodha.