Ommishtummaan Qamadii Itiyoophiyaa Afriikaan nyaataan of dandeessi ergaa jedhu dabarseera-pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Ommishtummaan Qamadii Itiyoophiyaa Afriikaan nyaataan of dandeessi ergaa jedhu dabarseera-pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Fulbaana 14/2019 (ENA)- Ommishtummaan Qamadii Itiyoophiyaa Afriikaan nyaataan of dandeessi ergaa jedhu dabarsuusaa pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseeibsan.
Yaa’iin walii galaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 81ffaan Niwu Yoorkitti gaggeeffamaa jira
Pirezidaant Taayyeen yaa’ii walii galaa kanarratti akka dubbatanitti, Itiyoophiyaan wabii nyaataa ilaalchisee tarkaanfii olaanaa galmeessisuushee ibsaniiru.
Itiyoophiyaan sanyii Qamadii jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf gargaaru oomishuudhaan milkaa’uushee dubbataniiru.
Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti Qamadii alaa galchuu jalaa baatee biyyoota Afriikaa Qamadii oomishan gurguddoo keessaa ishee tokko ta’uushee dubbataniiru.
Dhiheessiin nyaataa ajandaa siyaasaa wayita ta’ettii fi dhiheessiin nyaata addunyaa qormaata keessa wayita galette, oomishtummaan Qamadii Itiyoophiyaa Afriikaan nyaataan of ni dandeessi ergaa jedhu dabarsuusaa ibsaniiru.