Finfinnee naannawaa Markaatoo QixalTaraatti manneen jireenyaa 960 kaafamtoota misoomaaf kennamaniiru- Aadde Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Finfinnee naannawaa Markaatoo QixalTaraatti manneen jireenyaa 960 kaafamtoota misoomaaf kennamaniiru- Aadde Adaanech Abeebee
Fulbaana 14/2019(ENA): Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee naannawaa Markaatoo Qixal Taraatti manneen jireenyaa 960 baatii 4 keessatti ijaaruun jiraattotaaf dabarsuu ibsan.
Aadde Adaanech ergaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin naannawaan Qixal Taraa jedhamuun beekamu gara mandara magariisummaa, qulqulluufi kabaja lammiileef malutti jijjiiramuu danda'uu ibsaniiru.
Qixal Taraatti mana jireenyaa 960 ji’a afur keessatti ijaarree, jiraattota naannichaa irraa kaafamanii turanif deebisnee kennineerra kan jedhan Kantiibaa Adaanech, naannawichi duraan jireenyaaf mijataa akka hin turre eeruun, kabaja ilma namaaf kan hin malle, baay’ee xuraa’aa, dhiphaa fi cufamaa ture jedhan.
Akkasumas mijataa ta'uu dhabuu isaatiin balaa ibiddaa hamaan lubbuu namootaa itti dhabne tures jedhaniiru.
Har’a garuu, gamoowwan ammayyaa fi miidhagaa, waan jireenyaaf barbaachisu hundaan guutuu ta’an, darbiiwwan 9 qaban, lakkoofsaan 9, manneen jireenyaa 960 ijaaramuun jiraattota duraan naannawichaa kaafamaniif deebifamee kennamuu kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Aadde Adaanech naannawichi gara bakka jireenyaa mijataa ta’etti jijjiiramuu eeruun, “Mandarri Jireenyaa Gaarummaa Markaatoo”kun lafa meetir iskuweerii 11,000 irratti kan ijaarame ta'uu himani.
Dabalataan mandarichi suuqiiwwan daldalaa 371 carraa hojii bal’aa uumu,bakka daa’imman itti taphatan,iddoowwan ispoortii, kanneen akka dirree kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaa, kubbaa harkaa, kubbaa kaachoo fi iddoowwan sochii qaamaa biroo itti hojjetan,bakka dhaabbii konkolaataa jiraattotaaf tajaajilu,bakka konkolaataa elektirikii itti chaarjessan, daandiiwwan asfaaltii keessa keessaa,
bilookiwwan salganirratti bakkeewwan tajaajila waloof oolan qabaachuu ibsaniiru.
Akkasumas liiftiiwwan,sarara daddabarsa bishaaniifi elektirikaa ammayyaa guutummaatti guutatee ijaaramuu Aadde Adaanech ibsaniiru.