Qaljummaa biyyee eeguun Omishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Qaljummaa biyyee eeguun Omishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira
Fulbaana 14/2019(ENA) Qaljummaa biyyee eeguun oomishtummaa guddisuuf karoora qophii xaa'oo uumamaarratti qabame milkeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadir himaniiru.
Fayyummaafi gabbina biyyee fooyyeessuun oomishutummaa biyyee guddisuuf itti fayyadama xaa'oo uumamaa babal'isuurratti hojii xiyyeeffannoo addaan hojjetamaan iruun bu'aawwan jajjabeessaa galmaa'aa jiran caalmaatti itti fufsiisuuf kan hojjetamu ta'uuu Obbo Eeliyaas ibsaniiru.
Bara kanas kompoostii idilee M3 miliyoona 110 qopheessuuf karoorfame raawwachuun qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootni keenya fayyadamoo akka ta'aniif haala mijaawaa galteewwan kopoostii idileef yeroo ammaatti bal'inaan jirutti fayyadamuuf qonnaan bultoonni keenya galteewwaniifi haal-dureewwan barbaachisan qophaaffachuun hojiitti galuu akka qaban Obbo Eeliyaas dhaamaniiru.
Akkasumas teknooloojii varmi kompoostii ( kompoostii raammoo misoomsuun) itti fayyadamurratti muuxannoowwan jalqabbiirra jiran caalmaatti babal'isuuf giddu-galeessota qophii kopoostii raammoo 341 aanaaleerratti ijaaramaniifi qonnaan bultoota 1,304,657 biratti kompoostii raammmoo babal’isuun kuntaala miliyoona 6.7 oomishuuf karoora qabame milkeessuuf qophiin saanduqa kompoostii raammoo fi galteewwaanii yeroodhaan akka taasifamuu fi hojii qonnaan bulaa birratti babal’isuu ifatti ji'a Onkololeessa jalqabarraa eegaluuf qophiin barbaachisu hundi taasifamuu akka qabus Obbo Eeliyaas dhaamaniiru.