Damee tuuriizimii irraa galiin doolaara biiliyyoona 5 argameera – Ministeera Tuurizimii - ENA Afaan Oromoo
Damee tuuriizimii irraa galiin doolaara biiliyyoona 5 argameera – Ministeera Tuurizimii
Fulbaana 13/2019 (ENA) – Bara baajataa 2018tti daawwattoota miiliyoona 1.6 ol keessummeessuudhaan galiin doolaara biiliyyoona 5 argamuu Ministeerri Tuurizimii Saalamaawwit Kaasaa ibsan.
Ministeerri Tuuriizimii Guyyaa Tuurizimii Addunyaa akkasumas raawwii damee tuurizimii bara darbee ilaalchisee ibsa kenneera.
Ministeerri Tuurizimii Saalamaawwit Kaasaa ibsa isaaniitiin, dameen tuurizimii saffisaan guddachaa fi dinagdee Itoophiyaa deeggaraa akka jiru dubbataniiru.
Dameen tuurizimii kun aadaan uummattota Itoophiyaa akka beekamu fi walitti dhufeenyi uummataas akka cimuu gumaacha gaarii bahaa jiraachuu ibsaniiru.
Waggoota darbanitti iddoowwaan haawwata tuurizimii haaraa ijaaruu fi kan jiran haaromsuudhaan, bara baajataa 2018tti daawwattoota miiliyoona 1.6 ol irraa galii doolaara biiliyyoona 5 argachuun danda'amuus dubbataniiru.
Bara darbe yaa'iiwwan idil-addunyaa 120 keessummeessuuf karoorfamee 220 qopheessuudhaan bifa gaarii Itoophiyaa agarsiisun akka danda'ames ibsaniiru.
Guyyaan Tuuriizimii Addunyaa sadarkaa idil-addunyaatti yeroo 47ffaaf, sadarkaa biyyaalessaatti immoo yeroo 39ffaaf Fulbaana 14 hanga 17, 2019tti akka kabajamu dubbataniiru.
Guyyaan Tuurizimii Addunyaas carraawwan damee tuurizimii beeksisuuf faayidaa hedduu akka qabu kaasanii, iddoowwan hawwata tuuriizimii adda addaa irratti sagantaan kan gaggeeffamu ta'uus ibsaniiru.