Tamsaasa Kallatti:

komishinarri komishinii Poolisii Mootummaa Naannoo Tigraay duraanii Mejer Jenaraal Gebre Adihaanaa gara mootummaatti galan

Fulbaana 14/2019 (ENA) – Komishinara Komishinii Poolisii Mootummaa Naannoo Tigraay ta'anii tajaajilaa kan turan, Mejar Janaraal Gebre Adihaanaa ergama TPLF diinota waliin ta'uudhaan biyya diiguuf qabate mormuudhaan gara mootummaa federaalaatti galaniiru.

Mejar Janaraal Gebren Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti sadarkaa hooggansa ol'aanaarra kan tajaajilan yoo ta'u, hanga TPLF biyyarratti gantummaa raawwatutti Hoogganaa Muummee Odeeffannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa ta'anii tajaajilaniiru.

Janaraalichi TPLF irraa gargar ba’uun isaanii gareen badii kun ummata Tigraay rakkoo dabalataaf saxiluuf akka deemaa jiru kan ifatti agarsiisudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015