‘Dil Qursuu’ Seenaa Jireenyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa Galaalchaa - ENA Afaan Oromoo
‘Dil Qursuu’ Seenaa Jireenyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa Galaalchaa
Kitaabni Seenaa jireenya Ajajaa waraana waliigala Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa Galaalchaa irratti xiyyeeffate eebbifamuun isaa ni yaadatama.
Kitaabni mata dureen isaa ‘Dil Qursuu’ jedhu kun seenaa Fiildi Maarshaal Biraanuu, iddoo dhaloota isaanii Kuyyaaraa kaasee hanga har’aatti kan of keessaa qabudha.
Kitaabni kun boqonnaawwan 8 fi fuula 355 kan qabu yoo ta'u, seenaa daa'immummaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, seenaa jireenyaa fi gaa'ela isaanii, akkasumas imala tajaajila waraanaa, sirna Mootummoota sadan keessatti darbanii fi gumaacha isaanii ibsa.
Fiildi Maarshaal Biraanuun haleellaa miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaa irratti raawwatameen booda rakkoo mudate furuuf humna hafe walitti qabuun, qajeelfamaa fi hoggansa kennuudhaan tarkaanfii jabaa fudhachuun isaanii kitaaba kana keessatti bal’iinan ka’ameera.
waraana diigame deebisanii ijaaruun ulfaataa ta'us, Fiildi Maarshaal Biraanuun qabatamaan hojiitti hiikuudhaan ummata Itoophiyaatiif injifannoo labsaniiru.
Kitaabichi Fiildi Maarshaal Biraanuun Finfinnee hanga Dabre Siinaa, Baahir-daarii hanga Gaashenaa, fi Walqaayitii hanga Affaaritti qaamaan argamuudhaan waraana jajjabeessanii injifannoof akkasumas milkaa'inaaf akka geessisan ni ibsa.
Hogganaan waraana Itoophiyaa inni guddaan Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaan, gootummaa biyya isaaniitiif raawwataniif Ministira Muummee doktor Abiyyi Ahimadiin badhaasa guddaa badhaafamaniiru.
Fiildi Maarshaal Biraanuunis waa’ee kitaaba isaanii ilaalchisee: "Itoophiyaan kabaja olaanaa nama dhuunfaaf kennamuu qabu naaf kenniteetti; anis biyya kootiif wanti ani qusadhe hin jiru" jedhaniiru.
"Ani dhimma waraana fi dhimmoota biroo irratti malee seenaa jireenya koo irratti kitaaba maxxansiisuuf fedhii hin qabun ture" jedhaniiru.
Ta'us leenjiinii fi guddinni koo dhaloota dhufuuf fakkeenya ta'uu danda'a ilaalcha jedhuun, dhiibbaa fi gorsa namoota hedduutiin kan ka’e kitaaba kana qopheessuu isaanii himaniiru. Kanaanis dhaloonni kitaaba kana irraa barnoota biyya ijaaruuf isa dandeessisu akka argatu eeraniiru.
"Biyyi seenaa Balaay Zallaqaa fi Abdisaa Agaatiin ijaarama, seenaa Fiild Maarshaal Biraanuutiinis ijaarama; garuu kun nama dhuunfaa tokko ol kaasuuf yookiin jajuuf ta'uu hin qabu" jedhaniiru.
Qorataa seenaa kan ta’an Gargaaraa Piroofeesaraa Ababaawu Ayyalaaw waa’ee kitaabichaa yoo dubbatan, kitaabni kun seenaa waraanaa Itoophiyaa keessatti odeeffannoo qabatamaa kan agarsiisuu fi dhaloota dhufuufis waraqaa qorannoo fi barumsaa guddaa ta'ee kan tajaajiludha jedhaniiru.