Tamsaasa Kallatti:

Mootummaa haaraa, injifannoo olaanaa!

Paartiin Itiyoophiyaanonni filannoo walii galaa 7ffaan filatan guyyaan inni mootummaa itti hundeessu ifoomeera.

Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo har’a akka ifoomsanitti, barri hojii mana marichaa baatii Fulbaanaa torban xumuraatti akka eegalu akkaataa heera mootummaa keewwata 58 keewwata xiqqaa 2 irratti tumameen hundeeffamni mootummaa fi sirni baniinsaa mana marichaa Fulbaana 25 bara 2019 gaggeeffama.

Akkaataa heera mootummaa keewwata 56 irratti ibsameen paartiin siyaasaa teessoo caalmaa argate qama seera raawwachiiftuu mootummaa federaalaa kan gurmeessu yoo ta’u, qaamni seera raawwachiiftuu haaraan guyyaa kana ifatti itti gaafatama fudhata.

Filannoon walii galaa 7ffaa filattoonni mil.54 ol, paartileen siyaasaa 42 fi kaadhimamtoonni kuma 10 fi 438 irratti hirmaatan taatee dinqisiifamudha.

Filannichi Itiyoophiyaan naanichatti biyya guddoo ta’uushee kan agarsiisedha. Filannichi bilisa, hirmaachisaa fi demokiraatawaa akka ta’u gochuun bu’a qabeessummaan xumuruushee heddoonni dinqisiifataniiru.

Qoonni ji’oo-siyaasaa Itiyoophiyaan naannoo Afriikaa bahaatti bahachaa jirtu guddaa ta’uusaatiin filannoon demokiraatawaa biyyattiitti gaggeeffame filannichi tasgabbii siyaasaa naannichaa kan gabbisu mallattoo gaariidha.

Yeroo ammaa Itiyoophiyaan heera mootummaarratti hundaa’uudhaan mootummaa haaraa hundeessuudhaan hojiitti galuuf guyyaa murteessitee qophii xumurteetti.

Mootummaan haaraan Fulbaana 25 bara 2019 hundeeffamu ummata Itiyoophiyaa mil. 130 ol ta’u waliin waliigaltee hawaasaa haaraa (Social Contract) kan itti raawwatamu boqonnaa seena qabeessadha.

Mootummaan haaraan hundaa’uunsaa fooyyessa dinagee gurguddoo karoorfaman, jijjiiramoota caaseffamaa fi pirojektoota misoomaa ofitti amanummaa guutuudhaan raawwachiisuuf carraa dabalataa fi humna uuma.

Mootummaan federaalaa bara bajataa 2019’f kan oolu birrii tiriiliyoona 2 tuqaa 34 raggaasuunsaa ni yaadatama. Bajanni kun dinagdee biyya keessaa maddu cimsuu fi liqii daldalaa biyya alaa hir’isuurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, guddinni omisha biyya keessaa walii galaa (GDP)’n cimee akka itti fufu bu’ura akka kaa’u amanameera.

Fooyyessi dinagdee man-dhalee hojiirra oolaa jiran, qaala’insa gatii dijitii tokkotti xiqqeessuuf tattaffiin eegalame bu’aa agarsiisaa kan jiru yoo ta’u fooyyessi kunneen akka itti fufan ni eegama.

Carraan hojii fi fooyyessi jireenyaa dubartootaa fi hawaasa baadiyyaaf taasifaman, rakkoo mana jireenyaa furuuf maneen miiliyoonaan lakkaa’aman ijaaruunii fi pirojektoota anniisaa fi jallisii maddisiisan guutummaatti xumuruun hojii mootummaa haaraarraa eegaman keessaayyu.

Ijaarsa dinagdee dijitaalaa amma caasaa gadiitti buusuun akkasumas lammiileen tajaajila mootummaa si’ataa akka argatan gochuun bu’aa bayii birokiraasii dhabamsiisuu fi yeroo jiru gara oomishtummaatti ibsituu bara haaraa akka ta’u ni eegama.

Milkaa’ina Itiyoophiyaan gama dippilomaasiin argatte itti fufsiisuun akkasumas qophiin koop 32 xiyyeeffannoo ni argatu.

Koop 32 milkaa’ina dippilomaasii magariisaa Itiyoophiyaa kan agarsiisu yoo ta’u, itti fayyadama haqa qabeessa galaana diimaa fi laga Abbayyaa irratti tattaaffiin karaa nagaa fi dippilomaasii cimanii itti fufu.

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015