Dachee abdii-Itiyoophiyaa badhaate - ENA Afaan Oromoo
Dachee abdii-Itiyoophiyaa badhaate
Siyaasa biyya tokkoo keessatti hirmaannaa lammiilee mirkaneessuun barbaachisaa fi dhimmoota bu’ura ta’an keessaa isa tokkodha. Hirmaannaan kun dirree siyaasaa hammattummaa mirkaneesseen yemmuu deeggaramu sirna siyaasaa biyya keessaa tasgabbeessuuf bu’ura ta’a. Biyyoonni akka Itiyoophiyaa aadaa garagaraa, eenyummaa garagaraa fi ilaalchi siyaasaa garagaraa keessatti argaman sirna siyaasaa hirmaachisaa fi hammataa diriirsuun barbaachisaadha.
Waggoottan darban sirni siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti hirmaachisaa fi hammataa akka ta’u hojiin guddaan hojjetameera. Hojiileen kunneen nageenya egeree, ijaarsa sirna demokiraasii fi guddina hunda galeessaaf gumaacha olaanaa taasisaa jiru.
Adeemsa ijaarsa sirna siyaasaa hammataa
Siyaasni hirmaachisaa fi hammataa itiyoophiyaan itti jirtu dirreen siyaasaa akka bal’atu gumaacha guddaa taasisaa jira. Haala kanaan mootummaan ida’amuu waggoottan darban sirna siyaasaa hammataa lafa qabsiisuuf kutannoosaa qabatamaan agarsiiseera. Humnoonni siyaasaa garagaraa, waldaaleen siiviikii fi namoonni dhuunfaan wallaba ta’anii yaadasaanii akka dhiheessan, akkasumas murtoowwwan biyyaalessaa jajjaboorratti kallattiin hirmaachuu akka danda’an aangoo mootummaarratti ramadamanii biyyasaanii tajaajilaa jiru.
Mootummaan ida’amuu waggoottan darban miseensota paartilee morkattootaa ministiraa fi de’eetaa ministiraa gochuun muuduunsaa akkasumas dhaabbilee mootummaa akka hoogganan kan muudaman kanaaf ragaadha. Kun ammoo sirni siyaasaa hirmaachisaa fi hammataan akka dagaagu fedhii cimaa qabaachuusaa qabatamaan kan ittiin mirkaneesse keessaa kan eeramudha.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad filannoo walii galaa 7 dura bakka bu’oota paartilee siyaasaa morkattootaa waliin marii wayita taasisan cimsanii akka kaasanitti, Itiyoophiyaa cichoomsuu fi misoomsuu irratti paartilee siyaasaa morkattootaa waliin hojjechuu barbaachisa.
Dirreen siyaasaa akka bal’atu mootummaan ida’amuu kutannoosaa qabatamaan agarsiisuunsaa akka jirutti ta’ee dhimmoota waliin nama hin galchinerratti mari’achuudhaan Itiyoophiyaa cichoomsuu fi misoomsuurratti waliin hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Sirni siyaasaa tokko hirmaachisaa fi hammataa ta’uusaa kan agarsiisan keessaa adeemsa filannoo biyya tokko keessatti gaggeeffamu akka ta’e ni eerama. Xiyyeeffannoon Itiyoophiyaan hirmaachisaa fi hammattummaa akka mirkanaa’u taasifte hirmaannaan paartilee siyaasaa fi ummataa filannoo walii galaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffamerratti akkasumas qabxiin galmaa’e kanaaf fakkeenya.
Filannoon walii galaa 7ffaan jalqabarraa kaasee paartilee siyaasaa hirmaachisuudhaan wal falmii yaadaan kan itti fufee fi namoonni hedduun filachuuf kan galmaa’an hirmaannaa gudda ture. Yeroo filannoos roobni, qorri, adduun osoo isaan hin dhaabiin bariirraa amma halkaniitti filachaa turuunsaanii mudannoo seenaa yeroo dhihooti. Filannichi hirmaachisaa fi demokiraatawaa ta’uusaa paartileen siyaasaa dorgomaa ta’an dabalatee manni maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa akkasumas taajjabdoonni biroon mirkaneessaniiru.
Dagaagina yaadota garagaraa
Biyya tokko keessatti sirna siyasaa hirmaachisaa fi hammataa dagaagsuun olaantummaa seeraa fi dhaabbilee demikiraasii cimsuuf gumaacha olaanaa qaba. Haala Kanaan waggoottan darban dhaabbileen siyaasaa akka cimanii fi olaantummaan seeraa akka kabajamu xiyyeeffatamee waan hojjetameef bu’aan argameera.
Bu’aan sirna siyaasaa hirmaachisaa fi hammataa kan biraan wabii fi wal amantaa siyaasaa biyyattiitti dagaagsuudha. Haala Kanaan hirmaachisummaa siyaasaa dagaagsuun wal amantaa mootummaa fi ummata jidduutti dagaagsuudhaan ummanni imaammata mootummaa hojiirra oolchuurratti miira abbummaatiin akka hirmaatu carraa uuma. Raawwii pirojektootaa waggoottan saddet darban hojjetaman eeruun ni danda’ama.
Mootummaan ida’amuu waggoottan darban karoorsuu fi aadaa hojii jijjiiruudhaan milkaa’inoota hedduu galmeessiseera. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad babal’isa wiirtuu lojistiksii boqonnaa jalqabaa Mojootti ijaarame eebbisanii hojii wayita eegalchiisan ergaa dabarsaniin “Ni karoorsina; ni hojjenna; ni raawwanna” jechuun dubbachuunsaanii mootummaan imaammata misoomaasaa karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf ammam ummata waliin hojjechaa akka jiru kan mirkaneessudha..
Guddinni dinagdee biyya tokkoo tasgabbii fi hammattummaa siyaasaa biyyattii waliin hariiroo kallattii qaba. “galteen invastimantii ijoon nageenya” jechuun ibsu hayyoonni siyaasaa. Biyya nagaa fi haqni jirutti, sirni siyaasaa hammataan jirutti invastimantiin man-dhalee fi biyya ala ani babal’ata. Kun ammoo carraa hojii uumuu fi qabeenyi biyyaa akka guddatu gumaacha guddaa taasisa. Waggoottan darban mootummaan kana yaada keessa galchuun damee nageenyaarratti riifoormii gochuun guddina invastimantiif haala mijataa kan uume kanaafi.
Sirna siyaasaa hirmaachisaa fi hammataa biyya tokko keessatti lafa qabachiisuun malaammaltummaa ittisuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf qooda qaba. Tattaaffiiwwan waggoottan darban taasifamaniin mootummaan malaammaltummaa ittisuuf kutannoo qabu qabatamaan agarsiisuun qaamolee qabeenya biyyaa kan saaman akkasumas rakkoo bulchiinsa gaarii uumuun ummanni tajaajila mootummaa argachuu qabu akka hin arganne taasisanirratti tarkaanfii fudhachaa turuunsaa ni yaadatama. Kanaaf ammoo hojmaatilee kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessuuf gargaaran hordofuun tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob diriirsuun itti quufinsa tajaajilamtootaa olaanaa argamsiisaa jira.
Mootummaan waggoottan darban sirna siyaasaa hirmaachisaa fi hammataa hojiirra oolchuun ummanni hojmaataa mootummaa fi kenniinsa tajaajilaarratti to’achuun qooda akka bahatu, waldaaleen siiviikii hordoffii akka taasisan jajjabeessuudhaan hanqina bulchiinsa gaarii fi malaammaltummaa hir’isuuf hojjechuusaatiin bu’aaleen quubsaan argamaniiru.
Xumura
Walumaa gala, sirna siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti hirmaachisummaa fi hammattummaa mirkaneessuun filmaata osoo hin ta’iin dirqama ta’uu hojiileen mootummaan waggoottan darban gama Kanaan hojjetee fi bu’aan argame fakkeenya guddaadha. Dirree siyaasaa bal’isuudhaan sagaleen lammiilee hundaa akka dhagahamu gochuun nageenya, biyyattii fulla’aa, sadarkaa guddina biyyattii ammaa irra jirurraa caalchisuudhaan gara demokiraasii haqqaa fi badhaadhina hunda galeessaa fi fiixee olka’insaatti akka ceetu ishee dandeessisa.