Yunivaarsiitiin Jimmaa bara Barnootaa 2019tiif barattoota idilee fi haaraa kuma 22 ol simatee barsiisuuf qophii xumureera - ENA Afaan Oromoo
Yunivaarsiitiin Jimmaa bara Barnootaa 2019tiif barattoota idilee fi haaraa kuma 22 ol simatee barsiisuuf qophii xumureera
Fulbaana 13/2019 (ENA)Yunivaarsiitiin Jimmaa bara barnootaa 2019tti barattoota idilee fi haaraa kuma 22 ol simatee barsiisuuf qophiilee barbaachisu xumuruu isaa beeksiseera.
Yunivaarsiitiin Jimmaa dhaabbilee barnoota olaanoo biyyattii keessatti argaman keessaa isa tokko fi barnoota hawaasa irratti xiyyeeffatuu fi damee wal’aansaan dhaabbata maqaa guddaa argate dha.
Yunivaarsiitichi waggaa waggaatti barattoota kumaatamaan lakkaawwaman sagantaa idilee, galgalaa, dhuma torbanitiinii fi sagantaa digrii lammaffaatiin simatee kan barsiisu yoo ta’u, hojii baruu-barsiisuu, cinaatti hojii qorannoo fi tajaajila hawaasaa hojjata.
Yunivaarsiitichi bara barnootaa 2019tiifis barattoota idilee fi haaraa kuma 22 ol simatee barsiisuuf qophiilee barbaachisoo ta'an xumuruu isaa ibseera.
Pirezidaantiin Yunivaarsiitii Jimmaa Dr. Darajjee Ingidaa ENA’f akka ibsanitti dhaabbatichi simannaa barattootaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuu fi qulqullina barnootaa eegsisuun dhaloota gahumsaa fi beekumsiisaan dagaage uumuuf hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.
Yunivaarsiitichi gara of-danda'insaatti ce’uuf adeemsa xumuraa jiru kana keessatti, hojii baruu fi barsiisuu qulqullinaan gaggeessuuf qophiisaa xumuruun gara hojiitti galuu pirezidaantichi ibsaniiru.
Gara of-danda'insaatti ce’uun itti gaafatamummaa dabalataa kan hordofsiisu waan ta'eef, dhaloota beekumsaa fi dandeettiin gahoome horachuun xiyyeeffannoo guddaa yunivaarsiitichaa ta'uu pirezidaantichi dubbataniiru.
Itti Aanaa Pirezidaantii dhimmoota Akkaadaamiki Yunivaarsiitii Jimmaa Dr. Taddasa Habtaamuu gama isaaniitiin akka jedhanitti, Yunivaarsiitiin Jimmaa bara barnootaa haaraatiif simannaa barattootaatiif qophii barbaachisu hunda xumuruu ibsaniiru.
Keessattuu barsiisota waliin marii taasiisuun fi gurma’insa keessoo sirreessuun, barattoonni kaayyoo barnoota isaanii gahumsaan akka milkeessani fi itti quufinsa isaanii dabaluuf hojiileen gargaraa raawwatamuu ibsaniiru.
Yunivaarsiitichi gara of-danda'insaatti yeroo ce’uutti xiyyeeffannoon isaa milkaa'ina barattootaa fi qulqullina barnootaa irratti akka ta'us addeessaniiru.
Kanaaf, adeemsa baruu-barsiisuu qorannoo irratti hundaa'e cimsuudhaan, barattoonni yeroo eebbifaman beekumsa fi dandeettii guddina biyyaatiif madaalu akka argatan hojjatamaa jiraachuu eeraniiru.
Akkasumas yunivaarsiitichi guddina teeknoolojii yeroo fi fedhii biyyaa waliin kan walsimatu sagantaawwan digirii lammaffaa fi isaa ol haaraa qopheessuu isaa ibsaniiru.
Kanaanis sagantaawwan PhD 20 fi digirii 2ffaa (Master’s 2) qophaa'uu kan eeran Dr.Taddasaan isaan keessattuu Saayibar sekuriitii, daataa saayinsii, Informeeshin teekinooloojii fi Eeroospesii injiinaringiin kan keessatti argaman ta'uu ibsaniiru.
Sagantaawwan haaraan kunniin qabiyyee barnoota sadarkaa addunyaa fi guddina teeknoolojii waliin kan walsimatan ta'uu ibsuun; gara hojiitti galuun dura heeyyama Ministeera Barnootaa argachuu isaanii xumuruu ibsaniiru.
#ENA Afaan Oromo #
See less