Mootummaan Naannichaa fayyadamummaa hunda galeessa lammiilee mirkaneessuuf hojjechaa jira - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Naannichaa fayyadamummaa hunda galeessa lammiilee mirkaneessuuf hojjechaa jira
Fulbaana 13/2019 (ENA) Mootummaan naannichaa fayyadamummaa hunda-galeessa Lammiilee mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Dr.Abdullaaziiz Daawud ibsaniiru.
Buufanni Geejiba uummataa qindaa’aanii fi ammayaa’aan Magaalaa Adaamaatti ijaarame eebbifamee tajaajilaaf banaa ta’eera.
Itti gaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Dr.Abdullaaziiz Daawud akka ibsanitti, bu'uuraaleen misoomaa magaalotaa hariiroo dinagdee fi hawaasummaa uumuu qabu jedhaniiru.
Buufanni Geejjibaa ammayyaa Magaalaa Adamaatti ijaarame kunis sochii fi hariiroo dinagdee uumuu irratti agarsiiftuu isa tokko ta'uu ibsaniiru.
Magaalotni naannichaa biroos sochii misoomaa fi bu'uuraalee misoomaa Magaalaa Adamaatti galmeeffamaa jiru irraa muuxannoo fudhaachuun magaalota isaanii jijjiiruu danda'uu akka qaban dubbataniiru.
Dandeettiin hoggansaa kan madaalamu hojiilee bu'uuraalee misoomaa hawaasummaa fi dinagdee yeroo qabamee keessatti xumuruun tajaajila uummataaf oolchuudhaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu yoo danda'an ta'uu ibsaniiru.
Kanaanis hojiileen misoomaa hunda-galeessaa naannichatti hojjetamaa jiran qulqullinaa fi ariitiin isaanii eegamee tajaajila uummataaf akka oolaniif hojii xiyyeeffannoon hojjatamaa jiru cimsinee kan ittifufnu ta'a jedhaniiru.
Gama biraatiin Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee akka ibsanitti, Bulchiinsi Magaalaa Adamaa Buufata Geejjiba uummataa ammayyaa tajaajilaaf oolchuun isaa bobbii Geejjibaa ammayyeessuu irratti faayidaa guddaa kan qabu ta'uu ibsaniiru.
Buufanni Geejjibaa ijaarame kun tajaajila qindaa'aa kan kennu ta'uu kan ibsan Obbo Kamaal, riifoormii damee Geejjibaa naannicha keessatti eegalame kan saffisiisuu fi dhaqqabamummaa isaa kan mirkaneessu ta'uu dubbataniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adamaa Obbo Hayiluu Jaldee gama isaaniitiin akka ibsanitti, Buufanni geejjibaa kun bobbii geejjibaa magaalattii kan Saffisiisu ta'uu ibsaniiru.
Magaalattii keessatti bobbiin geejjibaa qindaa'aanii fi ammayyaa’aan yoo hin jiraanne misooma hawaasummaa fi dinagdee ariifachiisuun akka hin danda'amne kan ibsan kantiibaan kun, bulchiinsichi Marsaa 1ffaa ijaarsa Buufata Geejjibaa kanaa ijaaruudhaan tajaajilaaf oolchuu isaa ibsaniiru.
Kunis qaama sagantaa "Smart Adama" ta'uu eeruudhaan, sochii geejjibaa si'ataa, misoomaa fi guddina hawaasummaa fi dinagdee ariifachiisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuus dubbataniiru.
Magaalattii keessatti sirna itti fayyadama fi bulchiinsa lafa ammayyaa dhugoomsuudhaan qabeenyi uummataa misoomas fi fayyadamummaa hawaasaaf akka oolu hojjatamaa jira kan jedhan kantiibaan kun, kanafis ragaa kan ta'u mooraa geejjibaa ammayyaa har'a eebbifame kun isa tokko ta'uu ibsaniiru.
Buufanni Geejjibaa ammayyaa kun konkolaattota 400 ol yeroo tokkootti keessummeessuu kan danda'u ta'uus ibsaniiru.