Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan haaraan Fulbaana 25 bara 2019 hundeeffama-Af-yaa’ii taaggasaa Caafoo

Fulbaana 25/2019(ENA)- Hundeffamni mootummaa fi sirni baniinsaa mana maree bakka bu’oota ummataa Fulbaana 25 bara 2019  akka gaggeeffamu Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Taaggasaa Caafoo ibsan.

Filannoon walii galaa 7ffaan paartileen siyaasaa 42, kaadhimamtoonni kuma 10 fi 438 akkasumas filattoonni miiliyoona 54 irratti hirmaachuusaanii kaasaniiru.

Af-yaa’ichi ergaa dabarsaniin, karaa nagaa, demokiraatawaa, haqa qabeessaa fi amanamaa ta’een milkaa’inaan xumuramuusaa ibsaniiru.

Akkaataa heera mootummaa keewwata 50 keewwata xiqqaa 3 irratti ibsameen qaamni aangoo federaalaa olaanaan mana maree bakka bu’oota ummataa ta’uusaa fi itti waamamnisaas ummata Itiyoophiyaaf akka ta’e tumameera.

Kana malees barri hojii mana marichaas torban xumuraa baatii Fulbaanaa guyyaa Wixataa akka eegalu heera mootummaa keewwata 58 keewwata xiqqaa 2 irratti tumameen hundeeffamni mootummaa fi sirni baniinsa mana marichaa Fulbaana 25 bara 2019 ni raawwatama.

Akkaataa heera mootummaa keewwata 56 irratti ibsameen paartiin siyaasaa mana maricha keessatti teessoo caalmaa argate qaama raawwachiisaa mootummaa federaalaa akka gurmeessuu fi gaggeessu eeraniiru.

Barri dhufu kan nagaa, fayyaa, gammachuu,jaalalaa tokkummaa fi badhaadhinaa akka ta’u ergaasaanii dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015