Irreechi Bakka Aadaa fi Safuun Oromoo Itti Calaqqisee Mul’atudha-Hayyoota - ENA Afaan Oromoo
Irreechi Bakka Aadaa fi Safuun Oromoo Itti Calaqqisee Mul’atudha-Hayyoota
Fulbaana 13/2019(ENA) : Irreechi Bakkatti Aadaa fi Safuun Oromoo Itti Calaqqisee Mul’atu akka ta’e hayyoonni damichaa ibsani. Inistitiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oropmootti hayyoonni damee kanaa turtii ENA Afaan Oromoo waliin taasisaniin akka jedhanitti Irreechi lafa galataa fi Rabbiin kadhataaniin dabalatatti bakka itti aadaa fi duudhaan Oromoo ifatti calaqqisee mul’atudha jedhani.
Irreechi ayyaana guddaa fi hambaawwan aadaa uummata Oromoo keessaa isa tokko ta’ee, kan barri tokko darbee barri biraan yoo dhufu Uumaa galateeffachuuf kabajamudha. Kunis Ganni roobaa fi dukkanni darbee Birraan yeroo barii’u kabajama.
Ayyaanni kun mallattoo nagaa, tokkummaa, jaalalaa fi haaromsaa akka ta’e ibsan Obbo Girmaa Namarraa Inistitiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromootti Qorataa Seenaa. Irreechi Gosoota hedduu akka qabu kan himan yoo ta’u isaanis Irreecha Golaa,Irreecha Qe’ee,Irreecha Tulluu ykn Arfaasaa, Irreecha Malkaa akka ta’e dubbatani.
Irreechi kunniin Irreecha Galataa fi Irreecha Kadhataa jedhamuun akka waamamullee himaniiru.
Ummanni Oromoo yeroo mana isaatii bahu Uumaan akka nagaan isa galchuf kan kadhatu ta’uu kan eeran obbo Girmaan, Irreechi Tulluu immoo Waaqni rooba qulqulluu fi nagaa qabu roobsuun midhaan isaaf akka toluuf kadhata jedhan.
Haaluma wal fakkaatuun Irreechi Malkaa Immoo Malkaa immoo Uumaan Ganna bacaqii keessaa nagaan isaan baasuusaa kan itti ibsatan ta’uu dubbataniiru.
Adeemsa gara Malkaatti taasifamu irraa jalqabee duudhaan kuni safuudhaan kan guutame ta’uu himaniiru.
Akka fakkeenyaatti gaafa gara Malkaa deeman dura kan imalu shamarran hin heerumne sababni isaas shamarran akka fakkeenya qulqullummaatti waan ilaalamaniifidha jedhani.
Itti aansuun haadholii cifiree,irraa hyaadha siinqee,achii abbootii Gadaa sanarraan immoo Foollee fi hawaasa ta’uu dubbatani.
Namni kamuu seera kana cabsee deemuu akka hin qabnellee sirna Gadaatu ajaja jedhan.
Gaafa gara Irreechaa deeman immoo sirba sirbantu jira;sirbi kunis hiika mataa isaa qaba kan jedhan immoo obbo Maammoo Sobbooksaa Inistitiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromootti Qorataa Aartii Oromoot. Sirboonni gaafa irreechaa gara Malkaas ta’e gara Tulluutti deemamu ‘Maree hoo’ kan jedhamu adda durummaan dhagahama. Kunis yaa uumaa waggaa waggaan kan nagaan nu geessifte galata kee jechuudha jedhan obbo Maammoon. Mareehoo jechuun naannahee dhufee jechuu akka ta’es ibsaniiru.
Erga Irreeffatanii gaafa gara mana ofiitti deebi’an immoo imaanaa Rabbitti kennachaa Gabbisayyoo jechaa faarfachaa akka dacha’an obbo Maammoon ibsaniiru.
Akkuma abbootiinii fi haadhaoliin seenaa safuu fi duudhaa guddaa qabu kana dhaloota ammaaf dabarsan nutis aadaa keenya jabeeffannee dhaloota egeree dhaalchisuu qabna jechuun dhaamaniiru qorattoonni kunniin.