Cabinsa Caaseffamaa irraa gara Badhaahina itti fufinsa qabutti, Riifoormii dinagdee gooroo fi Imala olka’insa Itoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Cabinsa Caaseffamaa irraa gara Badhaahina itti fufinsa qabutti, Riifoormii dinagdee gooroo fi Imala olka’insa Itoophiyaa
Riifoormiin dinagdee gooroo cabinsa dinagdee cimaa oolchuun tasgabbii fi guddina yeroo dheeraa mirkaneessuuf tarkaanfii seenaa qabeessa fudhatamedha.
Riifoormichi gufuulee sirna faayinaansii fi dinagdee biyyaattii irratti mudatanii turan furuudhaan jijjiirama ol'aanaa galmeesseera.
Kaayyoon ijoon riifoormichaa tasgabbii dinagdee gooroo mirkaneessuu, qaala'insa gatii to'achuu fi sirna sharafa alaa fedhii fi dhiyeessii gabaa irratti hundaa'e sirna gabaan akka gaggeeffamu diriirsuudha.
Fooyya’insi kun dinagdee biyyaattii guddaa mootummaadhaan dursamu irraa gara dinagdee damee dhuunfaadhaan durfamutti ceesisuun guddina waaraa fi hunda-galeessa omishtummaa irratti hundaa'e galmeessuu kan kaayyeffatedha.
Kitaaba Mootummaa Ida’amuu fuula 158 fi 159 irratti ;Kana malees,dhiibbaa fooyya’insi baasii yeroo murtaawaa fi sharafni alaa dhaqqabsiisu hir’isuuf oolu, doolara biiliyoona 4tti tilmaamamu, deeggartoota alaa irraa akka argamu waadaan galameera.
Deeggartoonni idil-addunyaa kunniin waggoottan itti aananitti Itoophiyaa deeggaruuf kan karoorfatan deeggarsa maallaqaa qindoominaan kenname isa guddaadha.
Gabaa Sharafa Alaa bilisa gochuun fi gatiin isaa gabaadhaan akka durfamu taasisuun baasii faayinaansii gabaa seeraan alaan raawwatamu hir'iseera.
Akkasumas dureeyyonni idil-addunyaa fi Invastimantii kallattii alaa gara biyyaatti galchuun dameewwan dinagdee murteessoo kanneen akka Telekoom, Baankii, Maanufaakcharingii fi kanneen biroo keessatti sodaa malee akka hirmaatan balbala baneera.
Imaammata maallaqaa fi fiisikaalaa cimaa hojiirra oolchuun qaala'iinsa gatii ol'aanaa ture irraa gara lakkoofsa dijiitii tokkootti hir'isuuf dandeessiseera.
Garaagarummaan sharafa alaa baankiiwwan seeraa qabeessaa fi gabaa seeraan alaa gidduu ture akka dhiphatu taasifamuun, sharafa alaa seeraan galu dabalatee kuusaan sharafa alaa biyyaattii haala ol'aanaadhaan guddateera.
Kanaan dura liqaan baankii madaalawaa kan hin taane ture ; har'a garuu qoodni liqaa ol'aanaan damee dhuunfaaf kennamuu isaatiin dandeettiin omishtummaa haalaan guddachaa dhufeera.
Dameewwan Telekoomi, Lojistikii fi faayinaansii invastimentii alaatiif banaa ta'uun isaanii investimantii kallattii alaa harkisuu keessatti gumaacha ol'aanaa taasiseera.
Milkaa'ina galmeeffame haala waaraan itti fufsiisuu fi qormaatilee mudachuu danda'an ittisuuf mootummaan kallattiiwwan ijoo qopheessee hojjechaa jira.
Oomishtummaa qamadii Jallisii Bonaa fi sagantaa Maaddii guutuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuu, dandeettii industiriiwwan omishtootaa cimsuu fi kaffaltii dijiitalaa fi ga'umsa faayinaansii bal'isuun xiyyeeffannoo guddaa argataniiru.
Uummata galii gadi aanaa qaban sababa riifoormichatiin akka hin miidhamneef deeggarsa boba'aa fi xaa'oo akkasumas fooyya'iinsa mindaa gaggeessuun kallattii xiyyeeffannoo mootummaati.
Sababa fooyya'insichatiin daballii gatii seeraan Alaa, omishaalee dhoksuu fi sochii daldala seeraan alaa kutannootiin ittisuun barbaachisaadha.
Walumaagalatti, hammattoo fooyya'insa dinagdee Mandhaaleen riifoormiin dinagdee gooroo jalqabame Itoophiyaa cabinsa caaseffamaa ulfaata irraa oolchuunii fi bu’uura faayinaansii tasgabbaa'aa kaa’uu keessatti bu'aa seenaqabeessa fiduu danda'eera.
Riifoormichi dinagdee gooroo mirkaneesuun, dandeettii omishtummaa guddisuunii fi carraa hojii uumuu keessatti shoora murteessaa taphachaa jira.
Gara fuulduraatti hojii riifoormii haala waaraadhaan itti fufsiisuu fi jireenya guyyaa guyyaa uummataa irratti bu’aa gaarii itti fufsiisuuf walta'iinsi qindaa'aa mootummaa, damee dhuunfaa fi uummataa murteessaa ta'uunsaa itti amanama.
Daandiin jijjiiramaa waliigalaa Itoophiyaan jalqabde imala badhaadhina ishee cimsitee akka itti fuftu adeemsi hojiirra oolmaasaa haala ifaan agarsiisa.
See less