Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez waliin mari’atan
Fulbaana 13/2019 (ENA) – Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqa Sillaasee, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez waliin mari’ataniiru.
Yaa’ii waliigalaa 81ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cinaatti marii taasisaniin, dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannichaa irratti mari’ataniiru.
Barreessaa Olaanaan Antooniyoo Gutereez, adeemsa Itoophiyaan misooma waaraa irratti taasisaa jirtu dinqisiifachuun, dhaabbanni isaanii tumsa Itoophiyaa waliin qabu caalaatti akka cimsu mirkaneessaniiru.