Itoophiyaan yaa'ii waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii irratti hirmaannaa dammaqina qabu ni taasifti - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan yaa'ii waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii irratti hirmaannaa dammaqina qabu ni taasifti
Fulbaana 13/2019 (ENA) - Itoophiyaan yaa'ii yaliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 81ffaa irratti dhimmoota faayidaa biyyaalessaa eegsisan irratti hirmaannaa dammaqina qabu akka taasiftu Ministeerri dhimma Alaa beeksise.
Yaa’ii Ameerikaa, magaalaa Niiwu Yoorkitti gaggeeffamaa jiru kana irratti, jilli ol'aanaan Itoophiyaa Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen durfamu hirmaachaa jira.
Odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa akka agarsiisutti, Itoophiyaan waltajjii kana irratti dhimmoota faayidaa biyyaalessaa eegsisani fi dantaa waliinii qaban irratti cichoominaan ni hirmatti.