Gaaffiin Abbummaa hulaa Galaanaa Itoophiyaa fayyadamummaa haqa qabeessaa fi bu’uura birmadummaa ta’uu hayyoonni ibsan - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin Abbummaa hulaa Galaanaa Itoophiyaa fayyadamummaa haqa qabeessaa fi bu’uura birmadummaa ta’uu hayyoonni ibsan
Fulbaana 13/2019 (ENA) Gaaffiin hulaa Galaanaa Itoophiyaa fayyadamummaa haqa qabeessa kan mirkaneessuu fi birmadummaa seenaa qabeessa biyyattii giddugaleessa kan godhate ta'uu hayyoonni Yuunivarsiitii Mattuu ibsan.
Itoophiyaan fottoqinsa Eertiraa hordofee Hulaa Galaana Diimaa dhabuun isheetiin biyya Hulaa Galaanaa hin qabne taateetti.
Yeroo sanaa eegaltee biyyattiin tajaajila Hulaa Galaanaatiif waggaa waggaan birrii biiliyoonaan lakka’amu baasuun dinagdee ishee irratti dhiibbaa guddaa uumaa tureera.
Yeroo dhihoo asitti mootummaan Itoophiyaa guddina uummataa saffisaa fi sochii dinagdee bal'achaa jiru keessumsiisuuf, Hulaa Galaanaa mataa ishee argachuun dhimma jiraachuu fi dantaa tarsiimo’aa ta'uusaa ibsaniiru.
Kana hordofuun imaammata Alaa fi seera, seenaa fi qajeeltoowwan guddina waliinii naannichaa irratti hundaa'uun mariin akka taasifamu waamicha dhiyeessuun isaanii ni beekama.
Qoodni Hayyoota dhaabbilee barnoota olaanoo gama kanaan, gaafficha seera Hulaa Galaanaa Idil-Addunyaa, haala teesuma lafaa, taateewwan seenaa fi guddina waliinii naannichaa mirkaneessuu danda'uun qorannoo fi qo’annoon deeggarame kennuudha.
Hayyoonni Yuunivarsiitii Mattuus gaaffii Hulaa Galaanaa kanaaf deebii argachuun birmadummaa dinagdee Itoophiyaa mirkaneessuu irra darbee , biyyoonni Galaana Diimaa fi naannichaa waliiniin haqummaan akka badhaadhan kan taasisu ta'uu ibsaniiru.
Yuunvarsiitichatti Barsisaan seenaa Dr. Wandachoo Mitikkuu gaaffiin Hulaa Galaanaa Itoophiyaa barbaachisaa ta'uu bira darbee, fayyadamummaa haqa qabeessaa fi birmadummaa biyyattii kan kabachiisudha jechuun ibsaniiru.
Itoophiyaan haala itti Hulaa Galaanaa dhabde iftoomina kan hin qabnee fi hirmaannaa uummataa kan hin qabneen ta'uu ibsuun ; gaaffiin Hulaa Galaanaa gaaffii sirrii ta'ee fi biyya ollaa kamirattiyyuu miidhaa kan hin geessisne ta'uu ibsaniiru.
Hojii raawwachiisaan Qunnamtii Uummataa fi Alaa Yuunivarsiitichaa Gargaaraa Profeesaraa Taganyi Damissoo gama isaaniitiin; hulaan Galaanaa bu’uura dinagdee biyya tokkoo ta'uu ibsaniiru.
Itoophiyaan haala seeraan alaa fi marii uummataa malee hulaa Galaanaa kan dhabde ta’uu ibsuun gaaffiin dhiyeessitu sirrii fi murteessaa ta'uu ibsaniiru.