Itiyoophiyaan caancala diinaa kukkutaa imalashee itti fufti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan caancala diinaa kukkutaa imalashee itti fufti
Bishaan Abbayyaa dhibbantaa 86 maddisiiftee kan yaaftu Itiyoophiyaan ijoolleenshee barabaraan dheebuu, dukkanaa fi hiyyummaadhaan gidiraa keessa yoo jiraatan callistee akka ilaaltu itti murtaa’ee ture.
Karaa biraatiin ammo waltajjiiwwan addunyaarratti “yaaddoo hanqina bishaanii qaba” jettee kan lallabdu Kaayiroon, seenessi isheen waan miidhamtee fakkeessitee dhihaattu fedhii dhokataa jeeja’uu fi olaantummaa naannoof qabdu golguuf kan yaadame dha.
Kaayiroon bishaan qisaasaa, Itiyoophiyaanonni kuduraa boroo akka hin misoomsine taasisuuf yaalameera. Caancallii diinaa garuu hidha haaromsaatiin kukkutameera.
Gibtsi bishaan lafa keessaa jaarraa hedduuf ishee tajaajilu qabdi. Itiyoophiyaa keessatti waggoota hedduuf bishaan osoo addaan citellee kuusaa bishaanii uumamaa hin guune osoo qabduu, itti fayyadama bishaan Abbayyaa maal na dhibdeedhaan qisaasaa jirti. Kun dhugaa ifa jirudha.
Lafa gammoojjii hundatti lafa bishaanii bal’aa akka waan qabduutti bishaan hedduu kan barbaadan kan akka shonkooraa fi Ruuzii oomishti.
Magaalaawwan qananii haaraa fi kuusaawwan bashannanaa ijaaruun bishaan qisaasaa jirti. Gama biraatiin garuu Itiyoophiyaanonni nyaata guyya guyyaa fi ibsaa mana keessaafillee laggeensaanii akka hin misoomsine olola sobaa walirraa hin cinne afarsiti.
Biyyoonni yaa’a Abbayyaarratti argaman biroon hiyyummaan akka rakkataniif halkanii fi guyyaa shira raawwatti. Haala Kanaan Gibtsi jireenya qananiishee babal’isaa jireenya biyyoota biroo huutee qabdu caalaa dabni hin jiru.
Yaa’insa bishaan Abbayyaa eeguuf biqiltuu biiliyoona 50 dhaabaa kan jirtu Itiyoophiyaa galateeffachuu osoo qabduu, nagaa fi misooma Itiyoophiyaa gufachiisuuf kan qabdee kan gadhiiftu wallaalaa jirti.
Bitamtoota fayyadamuudhaan Sudaan diiguu fi Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf karaa ittiin dadhabsiisan gochuuf hojjetti. Biyyi naannawa galaana diimaa jiru kamiyyuu akka badhaadhuu fi akka guddatu hin barbaaddu. Kanaaf ammoo baandaa bobbaasuudhaan farra nageenyaa naannichaa ta’uun badii raawwachuuf adda durummaan dhaabatteetti.
Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni yaa’a Abbayyaa gara gubbaa qabeenya birmaduu isaanii irratti murteessuu fi misoomsuu eegalaniiru. Kun ammo bishaan qisaasaa akka jirtu kan dagatte Gibtsi iyya dhageettii hin qabnee fi joonja’uu keessa ishee galcheera. Ministirri bishaanii ishee fi gaggeessitoonni damichaa biroon boo’anii boochisaa jiru.
Abbayyaafis ta’e Naayiliif homaa kan hin gumaachine Gibtsi biyyoota laggeen keessaa maddan osoo hin eeyyamsiisiin Aswaan kan hiite Kaayiroon, har’a mana namaatti ajajuun qaba, hidha yoo ijaartan na eeyyamsiisaa yoo jettes, yeroonis haallis hin eeyyamne, fuulduras hin eeyyamu. Haguuggiinshee irraa mulquudhaan daandiin dhugaa fi haqaa qulqullqq’aa jira.
Karoorri misoomaa Itiyoophiyaa fi fedhiin cimaan qabeenya uumamashee fayyadamuuf qabdu doorsisaa fi olola yeroon itti darbeen hin gufatu.
Yeroon jijjiirameera; madaalliin dandeettii cichoominaa fi haqa qabeessummaan bakka buufameera. Itiyoophiyaan hiriira misoomaarra jirti. Hidhi haaromsaa ammoo Abbayyaarratti kan jalqabaa ta’eera. Kun itti fufa.