Tamsaasa Kallatti:

Godina Iluu Abbaa Booraatti faayidaa bunarraa argamu guddisuuf qulqullina bunaaf xiyyeeffannoon taasifameera

Fulbaana 12/2019 (ENA)- Godina Iluu Abbaa Booraatti galii bunarraa argamuu fi fayyadama oomishtoota naannawichaa caalaatti guddisuuf eegumsaa fi kunuunsa bunaarratti hojii hojjetamu cimee akka itti fufu bulchaan godinichaa obbo Indaalkaachoo Tafarii ibsan.

Godina Iluu Abbaa Booraatti waltajjiin marii qooda fudhattootaa bara 2019tti qulqullina bunaa eegsisuu dandeessisu magaalaa Mattuutti gaggeeffameera.


Bulchaan godina Iluu Abbaa Booraa obbo Indaalkaachoo Tafarii waltajjicharratti akka beeksisanitti, godinichatti waggoottan darban qulqullina bunaa mirkaneessuuf sadarkaa hundatti hojiileen hedduun hojjetamaa turaniiru.

Hojiilee qindoominaan hojjetamaniin bu’aaleen quubsaan galmaa’aa akka jiran ibsaniiru.

Bu’aawwan galmaa’an kana sadarkaa olaanaatti ceesisuudhaan fayyadama qonnaan bulaa mirkaneessuu fi argannoo sharafa alaa guddisuuf carraaqqiiwwan taasifaman cimanii itti fufu jedhaniiru.


Qulqullina oomishaa eeguun cinaatti buna seeraan ala deddeebifamu ittisuu fi buna yeroon gabaatti dhiheessuun kallattii dinagdee godinichaati.


Haala Kanaan oomishtoota bunaarraa eegalee amma alergitootaa fi hoggansaatti qooda fudhattoonni hundi qabxiilee kanneeniif xiyyeeffannoo taasisuudhaan to’annaa fi deeggarsa qindaa’aa gochuu akka qaban hubachiisaniiru.


Kana malees warshaaleen buna mulqan dursanii qophii xumuruu akka qaban hubachiisaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godinichaa obbo Addaamuu Taakkalaa, bara oomishaa 2019 godinicharraa buna toonii kuma 62 gabaa giddu galeessaaf dhuheessuuf karoorfamuu ibsanii, milkaa’ina isaaf hirmaannaa qooda fudhattoota hundaaf xiyyeeffannoon kan kennamuuf ta’uu dubbataniiru.

Hirmaattonni waltajjicharratti yaada kennan gamasaaniin, bara 2019 qulqullina bunaa eegsisuuf sirna gabaa sirreessuu fi kunuunsa bunaa ammayyeessuun murtessaa ta’uu ibsaniiru.


Daldalaan bunaa obbo Bafiqaaduu Gamteessaa qulqullina bunaa eegsisuun qama tokkoof kan dhiifamu osoo hin ta’iin hirmaannaa fi xiyyeeffannoo qama hundaati jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015