Tamsaasa Kallatti:

Yaadni Koloneeffattummaa Gibtsii jaarraa 21ffaa keessatti bakka kan hin qabnee fi adeemsa duubatti hafaa dha – Ministeera Bishaanii fi Inarjii

Fulbaana 12/2019 (ENA): Yaadni Koloneeffattummaa fi olaantummaa bishaanii Gibtsii jaarraa 21ffaa keessatti gonkumaa bakka kan hin qabnee fi duubatti hafaa ta'uu isaa Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksise.

Itoophiyaan Laggeen Abbaayyaa dabalatee qabeenya uumamaa qabdu misoomsuu fi fedhii dhaloota dhufu mirkaneessuuf bilisummaasheetti sirnaan kan itti fayyadamtu ta'uus Ministeerichi hubachiiseera.

Yeroo dhihoo Ministirri qabeenya Bishaanii fi Jallisii Gibtsii uummata Itoophiyaa arrabsuun yaada kennan gonkumaa kan fudhatama hin qabnee fi Gibtsi hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu keessatti ilaalcha koloneeffattummaa hordoftu kan mul'isu ta'uu isaa hubachiisaniiru.

Gibtsi biyyoonni yaa'a suluulichaa qabeenya bishaan isaanii kan itti fayyadaman ishee gaafatanii fi hayyama argatanii qofa jettee amanuun ishee yeroo dhiyootti olaantummaa qabaachuuf ilaalcha duubatti hafaa irraa kan maddu ta'uu isaa ibseera.

Ejjennoon Gibtsi kun dhugaa irraa kan fagaatee fi guutummaan guutuutti fakkeessuudhaan kan guutame ta’uu Ministeerichi ibseera.

Gibtsi kanaan dura hayyama biyyoota yaa'a bishaanii osoo hin gaafatin Hidha Guddaa Aswaan hojjechuushee ibsi sun yaadachiiseera.

Itoophiyaan Abbayya dabalatee qabeenya uumamaa qabdu misoomsuu fi fedhii dhaloota dhufuu mirkaneessuuf mirgi bilisummaa ishee kan eegame ta'uu ministeerichi hubachiiseera.

Itoophiyaan laggeen ishee daangaa ce’an madda waldhabdee fi falmii osoo hin ta'iin, waliin hojjechuu, guddina waliinii fi hidhata naannoo kan cimsan ta'uu akka qaban amantii guutuun qabaachuu ministeerichi ibsa isaatiin beeksiseera.

Adeemsi yeroon itti darbe kan qaamni tokko qofti fayyadamaa ta'uu fi mirga biyyoota yaa'a bishaanii dhoowwachuun humnaan olaantummaan fe'uuf taasifamu gonkumaa fudhatama kan hin qabne ta'uu Ministeerichi hubachiiseera.

Qaamoleen tokko tokko laga Abbayyaa dhimma nageenyaa fi walitti bu'insaa qofa gochuu yeroo filatan, Itoophiyaan garuu nageenya fi ittifufinsa yaa'a bishaanii yeroo dheeraa mirkaneessuuf hojii bal'aa hojjechuu ishee ibseera.

Ityoophiyaan naannoo yaa'a bishaaniitti eegumsa qabeenya uumamaa bal’aa fi sagantaa Ashaaraa Magariisaa raawwachuu akkasumas hojiiwwan eegumsa naannoo akkaa fulla’aa hojjechaa kan jirtu ta'uu ministeerichi beeksiseera.

Tarkaanfii sirrii Itoophiyaan fudhatte seenessa dogoggoraa fi diinummaa Gibtsiin yeroo ilaalamu guutumaan guutuutti addaa fi mala ammayyummaa ta’uu hubachiiseera.

Kanaafuu, Gibtsi Imaammata yeroon irra darbee keessaa baatee, dhimma kana kabaja waliinii fi faayidaa yeroo dheeraa qaamolee hundaatiin ilaalcha jaarraa 21ffaa kan kabajuun ilaaluu qabdi jedheera.

Gibsi abjuu olaantummaa duubatti hafaa fi yeroon isaa darbe dhiisuun, dhugaa waliin hojjechuu haaraa amanamuun yeroon isaa amma ta'uu ministeerichi hubachiiseera.

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015