Ayyaanni bara Haaraa Hadiyyaa ‘Yaahodee’ taateewwan gara garaan kabajamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni bara Haaraa Hadiyyaa ‘Yaahodee’ taateewwan gara garaan kabajamaa jira
Fulbaana 12/2019 (ENA): Ayyaanni bara haaraa Hadiyyaa ‘Yaahodee’ Hadiyyi naferan taateewwan Aadaa adda addaatiin kabajamaa jira.
Ayyaanichi Pirezidaantii Nannoo gidduugaleessa Itoophiyaa Dr.Endashaaw Xaasoo fi hoggantoonni hojii olaanoon Federaalaa, Naannoo fi Godinaa bakka argamanitti dammaqinaan kabajamaa jira.
Ayyaanni ‘Yaahodee’ Hadiyyaa biratti ce’umsa dukkana irraa gara ifattii fi gara boqonnaa haaraatti bara haaraa jalqabaarratti Ayyaana kabajamudha.
Ayyaanichi namoota kan walitti fiduu waan ta’eef yaadama jibbinsaa fi walitti bu'insaa kan hambisu, tokkummaa fi wal gargaarsa kan cimsu waan ta'eef haala addaatiin kabajama.
Ayyaanni kun Magaalaa Hadiyyaa Hoosa'inaatti ‘Nafera’ bakka taateewwan hawaasummaaf qophaa'etti kabajama.
Hadiyaatti ayyaanni kun duudhaalee isaa irratti hundaa'uun namoota walitti fiduun dhimmoota hawaasummaa mariidhaan furuu, tokkummaa cimsuu fi misooma naannoo isaanii ariifachiisuuf gumaacha guddaa qaba.