Tamsaasa Kallatti:

Manni maree Magaalaa Shaggar yaa'ii ariifachiisaa taa'een baajata bara 2019 raggaasise

Fulbaana 12/2019 (ENA) Manni maree Magaalaa Shaggar yaa'ii ariifachiisaa taa'een baajata bara 2019 raggaasisu beeksiseera.

Baajanni labsame Pirojeektiiwwan misoomaa fi tajaajila hawaasaa saffisiisan, hojiiwwan Investimentii fi carraawwan hojii Uumuuf hojiirra olchuuf sirni hordoffii cimaa kan taasifamu ta'uu Koreen dhaabbii Mana Marichaa beeksiseera.


 

Yaa’icharratti Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa, baajanni dhimma lakkoofsaa qofa osoo hin taane milkaa'ina hojiiwwan misooma egeree mirkaneessuun kan dhugoomu ta'uu himaniiru.

Bulchiinsa baajetaa cimsuun baasii fi qisaasama hambisuuf sadarkaa hundatti kan hojjetamu ta'uus himaniiru.

Afa-yaa'iin Mana maree Magaalaa Shaggar obbo Qaabatoo Albee, Baajata qabame fayyadamummaa Uummataaf oolchuuf hojiin to'annoo fi hordoffii ciminaan kan taasifamu ta'uu ibsaniiru.

Magaalichatti madda galii guddisuun cinatti hirmaannaa hawaasaa cimsuun hojjetamuu akka qabus kallattii kaa'aniiru.


 

Itti Aanaa ittigaafatamaa Waajjira Maallaqaa Magaalaa Shaggar Obbo Takkaa Warqinaa yaadaa fi gaaffii miseensota mana maree irraa dhiyaataniif deebii kennaniiru.

Yaada kennaniin akka ibsanitti, baasii fi qisaasama maallaqaa hambisuun imala karoora of-danda'uu fi kaayyoo ijaarsa magaalaa egeree dhugoomsuuf qabame galmaan gahuuf kan hojjetamu ta'uu himaniiru.


 

Baajata labsame qisaasama tokko malee akkaataa faayidaa fi fedhii misoomaa hawaasaa furuun danda'amutti sadarkaa hundatti hojiirra oolchuuf hojjetamuu akka qabus miseensotni mana marichaa himaniiru.

Kana malees hojiiwwan misoomaa fi Piroojeektiiwwan garagaraa eegalaman ariitii fi baay'inaan milkeessuun galmoota hundeeffama Magaalichaa dhugoomsuuf baajeta labsame sirnaan hojiirra oolchuun hojjetamuu akka qabus eeraniiru jechuun komunikeeshiin Magaalichaa gabaaseera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015