Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni bara haaraa Kafaa ‘Mashqaaroo’ magaalaa Boongaa Boonjii Shambattootti bifa ho’aa ta’een kabajamaa jira.

Fulbaana 12 /2019(ENA) : Ayyaanni bara haaraa Kafaa ‘Mashqaaroo’ magaalaa Boongaa Boonjii Shambattootti bifa ho’aa ta’een kabajamaa jira.

Ayyaanni bara haaraa saba Kafaa ‘Mashqaroon’ ayyaana nagaa,tokkummaa fi aadaa hojii cimanii hojjechuuti.

Ayyaannichi ayyaana bara haaraatti isaan ceesise Uumaa kadhachuu fi galateeffachuu yoo ta’u, hojiiwwan bara darbe hojjetaman kan itti gamaaggamamaniifi karoorri hojii gara fuula duraa kan itti karoorfamu dha. Kunis faayidaalee siyaasaa,hawaas diinagdee fi eegumsa naannoo kan qabudha.

Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015