Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Aadaa fi duudhaa ummataa dhalootaf dabarsuuf hojiiwwan bal'aa raawwachaa jira

Fulbaana 12/2019(ENA)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa Aadaa fi duudhaa ummata dhalootaf dabarsuuf hojiiwwan bal'aa raawwachaa jiraachuu Hoggantoontuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Sinbirruu ibsan.


Ayyaanni Irreechaa bara 2019 mata-duree “Irreechaa waliigaltee Biyyaalessaaf ”jedhuun kabajamaa.


Haala kabaja ayyaana irreechaa fi guyyaa kabaja ayyaanicha ilaalchisuun Waltajjiin marii magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.


Waltajjii kanarratti abbootiin Gadaa, haadhooliin Siinqee, Hoggantoontu Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Sinbirruu dabalatee qooda fudhatoonni gara garaa hirmaachaa jiru.


Yeroo kanatti Aadde Jamiilaa Sinbirruu akka ibsnanitti, sirna Gadaa Oromoo akka as gahuuf ga'een abbootii keenyaa olaanaa ture.


Irreecha bara kanaa adda kan taasisu mootummaa naannoo Oromiyaa yeroo misooma aadaa fi duudhaa ummata dagagsuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiruutti kan kabajamu ta'uu himaniriru.


Irreechi sadarkaa olaanaan akka kabajamu mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jiraachuu himan.


Ardaalee Irreechaa misoomsuu fi ayyaanni haala gaariin akka kabajamuu hojiiwwan murteessaa raawwatamu dubbataniiru.


Ayyaanni fi aadaan ummata akka kunuunfamuu fi misoomu taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.


Sona Irreechaa beeksisuuf Hojiin hedduu hojjatama jira jedhan.


Haaluma kanaan Fiigicha guddicha Irreechaa,Konsartiiwwan sirba gara garaa, dorgommii miis Tuurizimii fi hojiin beeksisaa adda addaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015