Tamsaasa Kallatti:

Godina Jimmaatti sanyii baay’isuuf hojii qindoominaan hojjetameen hanqina anyii boqoolloo furuun danda’ameera

Fulbaana 12/2019 (ENA)-Godina Jimmaatti yuuniyeenonni hojii gamtaa fi qonnaan bultoonni sanyii baay’isuurratti hojii qindoominaan hojjetaniin hanqina sanyii filatamaa Boqqoolloo furuun akka danda’ame ibsame.

Godina Jimmaatti oomishtummaa Boqqoolloo guddisuu fi wabii nyaataa naannawichaa mirkaneessuuf hanqinni sanyii filatamaa rakkoo ijoo ta’ee tureera.

Qonnaan bulaan Kanaan dura sanyii filatamaa amma barbaadu waan hin arganneef, ykn yeroon waan isa hinqaqqabneef sanyiiwwan oomishtummaansaanii xiqqaa ta’e fayyadamaa tureera.

Rakkoo ture kana furuuf ejensiin hojii gamtaa godina Jimmaa, Yuuniyeenonni hojii gamtaa fi qonnaan bultoonni qinoominaan hojjechuun sagantaa sanyii naannawarratti hundaa’e baay’isuu diriirsaniiru.

Qonnaan bultoonni garee fi waldaalee hojii gamtaan gurmaa’anii, deeggarsa teekniikaa fi galtee argachaa sanyii filatamaa akka baay’isan taasifameera.

Hojmaanni qindaa’aan kun maxxantummaa dhiheessii alaa hambisuudhaan sanyii filatamaa naannawichatti oomishamu ga’aa ta’ee fi yeroodhan qonnaan bulaa akka qaqqabu taasiseera.

Itti gaafatamaan ejensii hojii gamtaa godinichaa Dimaamuu Nigaatuu akka jedhanitti, godinichatti dhiheessiin sanyii filatamaa Kanaan dura ture fedhii waliin kan wal hin ginne waan ta’eef hanqinatu ture.

Yeroo ammaa dhiheessiin sanyii filatamaa Boqqoolloo guutummaatti furameera kan jedhan itti gaafatamaan kun, fedhii sanyii godinichi barbaaduu ol oomishamaa waan jiruuf godinoota olla ta’an Buunnoo Baddallee, Iluu Abbaa Booraa fi Shawaa Lixaaf dhihaachaa akka jiru eeraniiru.

Sanyiin baay’ifamu dhiheessii sanyii filatamaa Boqqoolloo fooyyessuurra darbee galii qonnaan bultootaa guddisaa akka jiru obbo Dimaamuun ibsaniiru.

Bara 2108 saynii Boqqoolloo BH661 aanaalee garagaraatti baay’ifame walitti qabuudhaan galii dabalataa birria miiliyoona 580 qonnaan bultootaaf argamsiisuusaa itti gaafatamaan kun eeraniiru.

Bara oomishaa kana yuuniyeenonni Limmuu Innaariyaa fi Jimmaa aanaa Noonnoo Banjaatti walumaa gala lafa heektaara kuma 11 irratti oomisha Boqqoolloo raawwachaa akka jiran obbo Dimaamuun ibsaniiru.

Sanyiin baay’ifamu Boqqoolloo qofa osoo hin ta’iin sanyii Qamadii fi atoo boonsituu of keessaa qaba.

Bara 2019 sanyiiwwan midhaanii garagaraa lafa heektaara kuma 1 fi 800 irratti baay’ifamaa jira jedhaniiru.

Hojii gaggeessaan yuuniyeenii Limmuu Innaariyaa obbo Diluu Tsaggaayeesanyii, yuuniyeenichi dhiheessii sanyii filatamaa Boqqoolloo guddisuuf sanyii baay’isuurratti hirmaachuusaa ibsaniiru.

Barana lafa hektaara kuma 7 ol irratti sanyii Boqqoolloo filatamaa baay’isuun oomisha kuntaala kuma 20 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Diluun beeksisaniiru.

Hojii gaggeessaan yuuniyeenii jimmaa obbo Firaa Raayyaa, waggoottan lamaan darban Yuuniyeenichi rakkoo dhiheessii sanyii filatamaa Boqqoolloo furuuf xiyyeeffatee hojjechaa turuusaa dubbataniiru.

Bara kanas sanyii filatamaa Boqqoolloo lafa hektaara 400 irratti baay’isuun boqqoolloo kuntaala kuma 13 argachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinichatti qonnaan bulaan aanaa Limmuu Kossaa Taajuu Sheeh Jamaal gamasaaniin, Kanaan dura sanyiin Boqoolloo filatamaa gahaan waan hin argamneef rakkoo akka ture dubbataniiru.

Bardheengaddaarraa eegalee sanyii filatamaa Boqqoolloo ga’aa waan argataniif oomishasaanii guddifachuusaanii ibsaniiru.

Qonnaan bulaan Jaafar Abbaabulguu sanyiin filatamaan dhihaateef oomishtummaa kan guddisu fi dhukkuba kan damdamadu ta’uu dubbataniiru.

Qonnaan bultoonni kunneen sanyii filatamaa dhihaateefitti gargaaramuun oomisha Boqqoolloo olaanaa akka abdatan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015