Torbeen Tuurizimii Oromiyaa Fulbaana 19-21/2019 gaggeeffama - ENA Afaan Oromoo
Torbeen Tuurizimii Oromiyaa Fulbaana 19-21/2019 gaggeeffama
Fulbaana 12/2019(ENA): Mootummaan Naannoon Oromiyaa bakkeewwan hawwataafi qabeenya dilbii tuurizimii naannichi qabu adda baasuun misoomsee sona dabaluun Oromiyaan iddoo ga'umsa Tuurizimii akka taatuuf beeksisee madda galii biyyaaf oolchaa jira.
Komishiniin Tuurizimii Oromiyaas galma kana dhugoomsuuf kan hojjetu yoo ta'u, Torbeen Tuurizimii Oromiyaa bara kanaa kabajamuuf qophiin xumuramee jiraachuu Itti Aanaan Komishinara Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Obbo Nagaa Wadaajoo ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Barii jijjiiramaa irraa eegalee riifoormiiwwan Mootummaan xiyyeeffannoo kennee hojjechaa ture keessaa misoomni Tuurizimii isa tokko ta'uu kaasuun, gama kanaan Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa qabeenya Oromiyaan qabdu beeksisuun, agarsiisa garaa garaa qopheessuun, walitti hidhaminsa gabaa uumuun investeroota biyya keessaafi alaa affeeruun hojii bal'aa hojjechaa tureen bu'aan gaggaariin argamuu ibsaniiru.
Kana maleee dorgomtoota tuurizimii, investaroota, michoota idil-addunyaa, dhaabbilee teeknoolojii, intaarpraayizoota kalaqaa, barnoota, hawaasaafi miidiyaalee walitti fiduun hojii beeksisaafi daawwannaa geggeessuun hariiroo irraa gara carraawwan tuurizimii itti fufinsa qabuutti ce'uu himaniiru.
Torbeen Tuurizimii Oromiyaa bara kanaa Fulbaana 19-21/2019 Finfinnee, Hoteela 'Ethiopian Skylight'tti kan geggeeffamu ta'uu kaasuun, hirmaattotaafi agarsiistota naannoofi idil-addunyaa 100 Gaanfa Afrikaa, Afrikaa Lixaa, Kibbaafi Giddu-galeessa Afrikaa, Baha Giddu-galeessaa, Eeshiyaa, Awurooppaafi Ameerikaa Kaabaa irraa biyyoota 20 ol ta'an hirmaachisuun kan geggeeffamu ta'uu ibsaniiru.
Torbee tuurizimii kanaan beeksisni Aadaa, agarsiifni kalaqaa, faashinii, muuziqaa, aartii, hojii harkaafi seenaa kan geggeeffamuu ta'uu himuun badhaasni Turizimii Oromiyaa, waldorgommiin Miis Tuuzimii Oromiyaa bara kanaas kan gaggeeffamu ta'uu kaasaniiru.