Tamsaasa Kallatti:

Bifa Dhugaa Kaayiroo: Bishaan faaluu irraa hanga balaa nageenya aannootti

✍️Ijibti Waltajjii idil addunyaa irratti “soda hanqina bishaaniin qaba” jechuun dubbattu, dhugaa jiru dhoksuun fi fedhii olaantummaa naannoo isa duuba jiru uwwisuuf qophaa’eedha.

✍️Kaayiroon bishaan lafa jalaa baay'ee guddaa waggoota dhibbaan lakkaa'amuuf turu waan qabduuf bishaan laga Abbayyaa gara gammoojjiitti dhangalaasuu kan jirtu yoo ta'u, gama biraatiin ammoo lammiileen Itiyoophiyaa nyaata guyyaa guyyaa isaaniif bishaan akka hin fayyadamnee fi qe'ee isaanii akka hin misoomsinee fi ibsaa hin arganne, akkasumas biyyoonni yaa'a gadii hiyyeeyyii ta'uun akka akka hin guddanneef rakkachaa jirti.

✍️Ijibti bishaan lafa jalaa jaarraa hedduuf turu qabdi. Itoophiyaan waggoota dheeraaf yoo roobni hin roobnellee Masriin ammallee bishaan lafa jalaa jaarraa hedduuf turu qabdi.

✍️Ijibti bishaan ni faalti; itti fayyadamni ishees garmalee hamaadha.

✍️Ijibti lafa jiidhinaa raaree bal'aa akka qabdu fakkeessuudhaan shankooraa fi ruuzii misoomti. Garuu bishaan qisaasuu itti fufuuf jecha namoonni kaan bishaan qulqulluu illee akka hin dhugnee fi raafuullee akka hin misoomsine barbaaduu isheeti.

✍️Ijipti jireenya mijataa fi qananiin lammiilee ishee eeggachuu yoo barbaaddu, Itiyoophiyaan ammoo guddinni ishee ukkaamsamee hiyyummaa keessatti liqimsamuun akka turtu barbaaddi.

✍️ Ijibti bishaan gammoojjiitti naquudhaan, magaalota qananii haaraa ijaaruun lammiileen ishee jireenya gaarii akka jiraatan wayita barbaaddu, lammiileen Itoophiyaa garuu ibsaa mana keessaa fi elektirika nyaata bilcheessuuf oolullee akka hin fayyadamne hojjetti.

✍️Warri Ijibtii akka waan hanqina bishaanii qabanitti fakkeessanii, Itoophiyaan yaa'a laga Abbayyaa eegsisuuf biqiltuu biliyoona 50 ol dhaabdeef galateeffachuu hin barbaadan. Faallaa kanaatiin Masriin nagaa fi tokkummaa Itoophiyaa booressuuf dhagaa hin garagalchine hin dhiifne.

✍️Ijibti birmadummaa fi tokkummaa Sudaan hin barbaaddu. Sudaan akka biyya walabaatti osoo hin taane akka biyya hirkattuutti waan ilaaltuuf, akka fedhetti dhimma keessoo ishee keessa seenuudhaan Sudaan diiguu fi loltoota qacaruun fayyadamtee Itiyoophiyaa xiqqeessuuf hojjechaa jirti.

✍️Ijibti biyyi Galaana Diimaa keessa jirtu kamiyyuu akka badhaadhaniifi guddatan hin barbaaddu. Kun shira siyaasaa baay’ee balaa qabuu fi diigumsaa fi nagaa naannichaa balaadhaaf saaxiludha!

Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015